Pular para o conteúdo
Publicidade

Romanos 10

12 Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te’in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna. 13 Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta’aa waammatu mara hin fayya» jedha.

14 Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande’a? Marroo isaa adoo hin dhage’in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage’uu dande’an ree? 15 Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande’a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha. 16 Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta’a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha. 17 Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.

Veja também