Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Rooma'aa 12

6 Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te’e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti; 7 kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te’e, jabaannee tajaajilluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te’e, akka maltetti barsiinnuu ti; 8 kennansi keenna gorsiisa yoo te’e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te’e, gadha’aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te’e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te’e, gammadaan mararruu ti;12:8 1 Qor. 12:4-11

Veja também