Pular para o conteúdo
Publicidade

Romanos 14

5 Nami tokko guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaada; kuun guyyooti martinuu wol qixxe’e jedhee yaada. Waan akkasii irratti namuu waan qalbiin isaa fudhatte godhuu ti. 6 Nami guyyaan tokko guyyoota kaan caala jedhee yaadu ulfinna Gootta’aatiif jedhee tana godha. Nami waan mara nyaatulle, sababa sagale’eetiif waan Waaqa galateeffatuuf, ulfinna Gootta’aatiif nyaata. Ka waan tokko tokko nyaatiisa didu, ulfinna Waaqaatiif dida. Innille Waaqa galateeffata.14:6 Qol. 2:16

Veja também