Dhugeeffanna’aan Balchoomuu
21 Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse’eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. 22 Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna. 23 Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera3:23Ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera: Ulfinna addee Waaqi jiruu irralle’ee fagaateera. 24 Ammoo karaa wodoo te’iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.