Publicidade

Romanos 6

2 Waawwo’o! Nu worri cubbuu jalaa duune, attam cubbuma jala jiraanna ree? 3 Nu worri Yesuus Kiristoos woliin tokko te’iisaaf cuuphanne maraa, du’a isaalle qoodamiisaaf akka cuuphanne hin beettanuu ree? 4 Yennaa cuuphamaan isa woliin awwaalanne, worra du’a isaalle qoodamu teeneerra; tanaaf akkuma Kiristoos ulfinna Abba’aatiin du’aa ka’e, nuutille jiruu haareyaan hin jiraanna.

5 Du’a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du’aa ka’iisa isaatille’een isa woliin tokko hin teena. 6 Le’iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu’uu te’iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. 7 Nami du’e hunna cubbu’uu jalaa bilisa bayeera.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-