4 Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du’a keessaa ka’ee teetaneertan. 5 Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du’aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. 6 Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
Publicidade