20 Isiin, «Naa’oom1:20 Naa’oom: Afaan Ibrootaatiin Gammada yookiin gammachiisaa jechu’u. jettanee na hin waamina’a, Waaqi Waan Mara Dande’u jiruu tiyya waan natti hadheesseef, ‹Maaraa1:20 Maaraa: Afaan Ibrootaatiin Gadda yookiin hadhowaa jechu’u.› naan jedha’a! 21 Guutuu asii baye, Mootiin Waan Maraa ammoo duwwaa deebisee na galche; eega Mootiin Waan Maraa na rakkisee, Waaqi Waan Mara Dande’u waan hantuu natti fidee, maaf, ‹Naa’oom› naan jettan?» jetteen.