3 abbaan manaa Naa’oomii, Eliimelek du’e. Isiin ilmaan ifii lamaan woliin hatte. 4 Isaan lamaanuu durra gosa Mo’aabii fuudhane; maqaan takka’aa Orpha’a, tuun ammoo Ruuti. Gara woggaa kudhanii achi le’aneeranuun, 5 Maahiloonii fi Kiliyoonille du’ane; tanaaf Naa’oom abbaa manaa ifiitii fi ilmaan ifii lamaanuu dhaddee hatte.