Pular para o conteúdo
Publicidade

Rute 1

8 Naa’oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi’aa. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du’eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu. 9 Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette.

Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee, 10 «Waawwo’o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi’iin jedhane.

11 Naa’oom ammoo, «Durra tiyya, deebi’aa, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii? 12 Durra tiyya, deebi’aa, karaa keessan qabadha’a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye, 13 haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo’o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te’uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette.

14 Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda’aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante.

Veja também