6 Jaarsi wolde’a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka’aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma’aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te’uu qaba. 7 Toowataan1:7Toowataan: Afaan Giriikiitiin Ephes Qophos jedhama wolde’a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te’eef, ka hin komatanne te’uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaru, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese’eef joljolu te’uu hin qabu. 8 Nama keessummaa fudhatu, nama waan dansaa jaalatu, nama ifi qabatu, nama qajeelaa, nama woyyichaa1:8Nama woyyicha: Nama Waaqaaf ifi kenneeru fi nama adaba qabu te’uu qaba. 9 Worra dhibii barumsa sirrii te’een jajjabeessiisaa fi dokonkora worra moromuu mudhisiisaaf akka dande’u akkuma baratetti ergaa addatantuu jabeessee qabatuu qaba.1:9 1 Xim. 3:2-7