54 Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; "Duuti moʼichaan liqimfameera."15:54 Far 25:8 Akkasumas,
55 "Yaa duʼa, moʼichi kee meerre?
Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?"15:55 Hos 13:14
56 Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera. 57 Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!