12 Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. 13 Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. 14 Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
Publicidade