Halalummaa Waldaa keessa Jiru
1 Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii. 2 Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu?