Wal Himachuu Amantootaa
1 Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Waaqatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata? 2 Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? 3 Isin akka nu ergamoota Waaqaatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree? 4 Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Kiristaanaa keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree? 5 Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?