11 Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi
lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,
ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.
Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti;
ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama;
ati bulchaa waan hundaa ti.
Ol ol guddisuu fi waan hundaaf
jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.
14 "Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine. 15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu.