Publicidade

1 João 2

Sababii Ergaan Kun Barreeffameef

12 Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif

waan isinii dhiifameef ani isiniifin barreessa.

13 Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif

ani isiniifin barreessa.

Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif,

ani isiniifin barreessa.

14 Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,

waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf,

waan isa hamaa sanas moʼattaniif,

ani isiniifin barreessa.

Addunyaa Hin Jaallatinaa

15 Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-