Pular para o conteúdo
Publicidade

1 João 3

1 Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku. 2 Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.

Veja também