Waaʼee Falmii Fooniin Mulʼachuu Kiristoos
1 Yaa michoota, hafuuronni kan Waaqaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; raajonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. 2 Haalli isin ittiin Hafuura Waaqaa beektanis kanuma: Hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Waaqaa ti; 3 hafuurri akka Yesuus Kiristoos fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Waaqaa miti. Inni hafuura farra Kiristoos, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
4 Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.