Waaʼee Falmii Fooniin Mulʼachuu Al-Masiihii
1 Yaa michoota, hafuuronni kan Allaaha taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; nabiiʼiyyoonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. 2 Haalli isin ittiin Hafuura Allaaha beektanis kanuma: Hafuurri akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Allaaha ti; 3 hafuurri akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Allaaha miti. Inni hafuura dajjaal Al-Masiihii, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
4 Yaa ijoolle, isin kan Allaaha ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.