Publicidade

1 João 5

Ilma Allaahatti Amanuu

1 Iisaan kun Al-Masiihii akka taʼe namni amanu hundinuu Allaah irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata. 2 Nu yommuu Allaah jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Allaaha jaallannu kanaan beekna. 3 Allaah jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu. 4 Namni Allaah irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya. 5 Iisaan Ilma Allaaha taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?

6 Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Iisaa Al-Masiihii dha. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii. 7 Dhuga baatota sadiitu jira: 8 Isaanis Hafuura, bishaanii fi dhiiga; sadanuus walii galu. 9 Dhuga baʼumsa namaa ni fudhanna; dhuga baʼumsi Allaaha garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga baʼumsi kun isa Allaahan waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana. 10 Namni Ilma Allaahatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Allaah hin amanne garuu waan isa Allaahan waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Allaah sobduu godheera. 11 Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Allaahan jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. 12 Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Allaaha hin qabne immoo jireenya hin qabu.

Dhaamsa Xumuraa

13 Isin warri maqaa Ilma Allaahatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa. 14 Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa. 15 Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.

16 Namni kam iyyuu utuu obboleessi isaa cubbuu gara duʼaatti hin geessine hojjetuu yoo arge Allaah duratti duʼaa gochuufii qaba; Allaahanis warra cubbuun isaanii gara duʼaatti isaan hin geessineef jireenya ni kenna. Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira; anis waan akkasiitiif inni duʼaa haa godhu jechuu koo miti. 17 Jalʼinni hundinuu cubbuu dha; cubbuun gara duʼaatti nama hin geessines jira.

18 Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Allaah irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu. 19 Nu ijoollee Allaaha akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna. 20 Akkasumas akka Ilmi Allaaha dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Iisaa Al-Masiihitti jirra. Inni Allaah dhugaa ti; jireenya bara baraatis.

21 Yaa ijoolle, waaqeffatamtoota tolfamoo irraa of eegaa.

Veja também

Publicidade
1 João
Ver todos os capítulos de 1 João
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-