1 Jaarsicha irraa,
Gara giiftii filatamtuu fi ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu, warra ana qofa utuu hin taʼin warri dhugaa beekan hundi akkasuma jaallataniitti; 2 kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif:
3 Ayyaanni, araarrii fi nagaan Allaah Abbaa biraa, Iisaa Al-Masiihi Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
4 Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera. 5 Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha. 6 Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
7 Gowwoomsitoonni akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi dajjaal Al-Masiihii dha. 8 Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa. 9 Namni barsiisa Al-Masiihiitiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Allaah hin qabu; namni barsiisa Al-Masiihiitiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba. 10 Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa. 11 Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
12 Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
13 Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.