1 Yaa michoota, hafuuronni kan Allaaha taʼuu fi taʼuu baachuu isaanii ilaaluuf qoradhaa malee hafuurota hunda hin amaninaa; nabiiʼiyyoonni sobduun hedduun addunyaa seenaniiru. 2 Haalli isin ittiin Hafuura Allaaha beektanis kanuma: Hafuurri akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe dhugaa baʼu hundi kan Allaaha ti; 3 hafuurri akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe dhugaa hin baane hundi kan Allaaha miti. Inni hafuura dajjaal Al-Masiihii, kan isin akka inni dhufu dhageessan sanaa ti; innis ammuma iyyuu addunyaa keessa jira.
4 Yaa ijoolle, isin kan Allaaha ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii. 5 Isaan kan addunyaa ti; kanaaf wanni isaan dubbatanis kanuma addunyaa ti; addunyaanis isaan dhaggeeffata. 6 Nu kan Allaaha ti; namni Allaah beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Allaaha hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.
7 Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka. 8 Sababii Allaahan jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Allaah hin beeku. 9 Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera. 10 Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. 11 Yaa michoota, erga Allaahan akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna. 12 Namni tokko iyyuu takkumaa Allaah hin argine; yoo wal jaallanne garuu Allaahan nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.
13 Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna. 14 Akka inni Fayyisaa addunyaa taʼuuf jedhee Abbaan Ilma isaa akka erge argineerra; dhugaa baanas. 15 Yoo namni kam iyyuu Iisaan Ilma Allaaha akka taʼe dhugaa baʼe, Allaahan isa keessa jiraata; innis Allaah keessa jiraata.
16 Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.
Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata. 17 Nus akka guyyaa murtiitti ija jabina qabaannuuf karaa kanaan jaalalli nu gidduutti guutuu taʼeera; nu addunyaa kana irratti Iisaa fakkaannaatii. 18 Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.
19 Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna. 20 Namni, "Ani Allaah nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Allaah hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu. 21 Inni ajaja kana nuu kenneera: Namni Allaah jaallatu kam iyyuu obboleessa ofii isaa jaallachuu qaba.