Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 4

2 Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Waaqaatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. 3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu. 4 Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus. 5 Garuu isaan Waaqa warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu. 6 Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Waaqaatti akka jiraataniif wangeelli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.

Dhuma Waan Hundumaa

7 Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Waaqa kadhachuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.

Veja também