Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 5

2 karra hoolotaa Waaqaa kan tika keessan jala jiru eeguudhaan tiksoota taʼaa; kanas sababii dirqamtaniif utuu hin taʼin fedhiidhuma keessaniin akka Waaqni akka isin taatan barbaadutti, buʼaa nama qaanessu argachuuf utuu hin taʼin hawwii guddaa tajaajilaaf qabdaniin godhaa; 3 karra hoolotaatiif fakkeenya taʼaa malee warra imaanaa isinitti kennaman sana humnaan hin bulchinaa. 4 Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.

Dargaggootaaf

5 Yaa dargaggoota, isinis akkasuma maanguddoota jalatti bulaa. Hundi keessanis tokkoo tokkoo keessaniif gad of qabiisa akka wayyaatti uffadhaa;

"Waaqni of tuultotaan ni morma;

warra gad of qabaniif immoo ayyaana kennaatii."5:5 Fak 3:34

Veja também