Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Mootota 19

Eeliyaas Gara Kooreebitti Baqate

1 Ahaab waan Eeliyaas hojjete hundaa fi akka inni itti raajota sana hunda goraadeedhaan fixe Iizaabelitti hime. 2 Kanaafuu Iizaabel nama tokko Eeliyaasitti ergitee, "Yoo ani bori yoona lubbuu kee akkuma lubbuu jara sanaa keessaa akka isa tokkoo gochuu baadhe waaqonni na haa adaban; adabbiin sunis akka malee natti haa cimu" jetteen.

3 Eeliyaas sodaatee lubbuu ofii isaa oolfachuuf kaʼee baqate. Innis yommuu Bersheebaa Yihuudaa keessaa sana gaʼetti hojjetaa ofii achitti dhiisee 4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também