Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Saamuʼeel 1:10,11,15,17,20

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Waaqayyoon kadhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Waaqayyoof nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."

15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne.

17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Waaqni Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.

20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Waaqayyo irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    10 ሃናንስ ጉዳ ገድቴ ህቅፈቴ ቦኡዻን ዋቀዮን ከዸቴ። 11 አከነስ ጄቴ ወሬግዴ፤ "ያ ዋቀዮ ዋን ሁንደ ደንዴሱ፣ ዮ አት ዽጵነ ገርብቲኬቲ እላልቴ ነ ያደቴ፣ ዮ አት ገርብቲኬ ደገቹ ባቴ እልመ ና ኬንቴ አን በረ ጅሬኘሳ ጉቱ እሰ ዋቀዮፍ ነንኬነ፤ ቀረባን ቶኮዩ መታሳ ህንቱቁ።"

    15 ሃናንስ አከነ ጄቴ ዴብፍቴ፤ "ለክ አከስ ምት፤ ያ ጎፍታኮ፣ አን ዱበርቲ አከ መሌ ዽጰቴዸ። አን ሉቡኮ ፉለ ዋቀዮ ዱረት ዸንገላሴ መሌ ዳዺ ወይኒ ዮካን ዹጋቲ ነመ መቼሱ ህንዹግኔ።

    17 ኤሊንስ፣ "ነጋን ዴም፤ ዋቅን እስራኤል ዋን አት ከዸቴ ሲፍ ሃኬኑ" ጄዼ ዴብሴፍ።

    20 ሃናን ኡልፎፍቴ ዬሮንሳ ጌኛን እልመ ዴሴ። መቃሳስ፣ "አን ዋቀዮራ እሰ ከዸዼራቲ" ጄቴ ሳሙኤል ጄቴ ሞጋፍቴ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Rabbii Allaah duratti duʼaa godhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Rabbii Allaahaf nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."

    15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Rabbii Allaah duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne.

    17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Allaahan Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.

    20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Rabbii Allaah irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.