10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Rabbii Allaah duratti duʼaa godhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Rabbii Allaahaf nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."
15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Rabbii Allaah duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne.
17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Allaahan Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.
20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Rabbii Allaah irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.