1 Namoonni Ziif gara Gibeʼaa Saaʼol bira dhaqanii, "Kunoo Daawud gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagaltu irra dhokatee jira mitii?" jedhan.
2 Kanaafuu Saaʼol namoota Israaʼel keessaa filataman kuma sadii wajjin Daawudin barbaacha Gammoojjii Ziifitti gad buʼe. 3 Saaʼol qubata isaa daandii gaara Hakiilaa kan Yasemoonitti garagalu sana cina dhaabbate; Daawud garuu gammoojjii keessa ture. Innis yeroo akka Saaʼol isa duukaa buʼaa jiru beeketti, 4 basaastota ergee akka Saaʼol dhugumaan achi gaʼe mirkaneeffate.
5 Daawudis achii baʼee iddoo Saaʼol qubate dhaqe. Innis iddoo Saaʼolii fi Abneer ilmi Neer ajajaan loltootaa ciciisan arge. Saaʼol qubata keessa rafe; loltoonnis isa marsanii turan.
6 Daawudis Ahiimelek namicha Heetii fi Abiishaayi ilma Zeruuyaa obboleessa Yooʼaabiin, "Eenyutu na wajjin gara qubata kanaa Saaʼolitti seena?" jedhee gaafate.
Abiishaayis, "Anatu si wajjin seena" jedhe.
7 Kanaafuu Daawudii fi Abiishaayi halkaniin gara loltootaa dhaqan; Saaʼol eeboo isaa mataa isaa bira lafatti dhaabee qubata keessa rafaa ture. Abneerii fi loltoonni immoo isa marsanii ciciisaa turan.
8 Abiishaayis Daawudiin, "Harʼa Allaahan diinota kee dabarsee harka keetti kenneera. Mee akka ani utuu itti hin deebiʼin yeruma tokkoon eeboo kootiin waraanee lafatti isa hodhu naa eeyyami; irra deebiʼee dhaʼuus na hin barbaachisu" jedhe.
9 Daawud garuu Abiishaayiin akkana jedhe; "Isa hin ajjeesin! Namni nama Rabbii Allaahan dibetti harka ol fudhatee yakka malee hafu jiraa? 10 Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, Rabbii Allaahan mataan isaa iyyuu isa ni galaafata yookaan inni yeroon isaa gaʼee ni duʼa yookaan duula dhaqee achitti ni duʼa. 11 Garuu akka ani dibamaa Rabbii Allaahatti harka koo ol hin kaafanne Rabbii Allaahan na haa eegu; amma garuu eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa isaa bira jiru fuudhiitii haa deemnu."
12 Kanaafuu Daawud eeboo fi cuggee bishaanii kan mataa Saaʼol bira ture sana fudhatee kaʼanii deeman. Namni waan kana arge yookaan beeke tokko iyyuu hin turre yookaan namni tokko iyyuu hin dammaqne. Sababii Rabbii Allaahan hirriba cimaa isaanitti gad dhiiseef hundi isaanii rafanii turan.
13 Ergasii Daawud gamatti ceʼee fagaatee fiixee gaara irra dhaabate; gidduu isaaniis lafa balʼaatu ture. 14 Daawudis loltootaa fi Abneer ilma Neeriitiin, "Yaa Abneer, ati deebii naaf hin kennituu?" jedhee lallabe.
Abneeris deebisee, "Ati kan mootiitti iyyitu eenyu?" jedhe.
15 Daawud akkana jedhe; "Abneer, ati jagna mitii? Israaʼel keessatti namni siin qixxaatu eenyu? Ati maaliif gooftaa kee mooticha sirriitti hin eegne? Kunoo namni tokko gooftaa kee mooticha ajjeesuuf dhufee tureetii. 16 Wanni ati goote gaarii miti. Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, atii fi namoonni kee duʼuu qabdu; isin gooftaa keessan dibamaa Rabbii Allaah sana hin eegneetii. Mee naannoo kee ilaali. Eeboo fi cuggeen bishaanii kan mataa mootichaa bira ture sun meerre?"
17 Saaʼol sagalee Daawud beekee, "Yaa ilma koo Daawud, kun sagalee keetii?" jedhe.
Daawudis, "Eeyyee; sagalee koo ti; yaa gooftaa koo mootii" jedhee deebise. 18 Itti fufees akkana jedhe; "Gooftaan koo maaliif tajaajilaa isaa ariʼa? Ani maalin godhe? Ani yakka maalin qaba? 19 Egaa mee gooftaan koo mootichi dubbii tajaajilaa isaa haa dhagaʼu. Yoo Rabbii Allaahan natti si kakaasee jiraate inni aarsaa haa fudhatu. Garuu namoonni yoo waan kana godhanii jiraatan fuula Rabbii Allaah duratti haa abaaraman! Isaan akka ani dhaala Rabbii Allaah keessaa qooda hin qabaanneef na ariʼanii, ‘Dhaqiitii waaqeffatamtoota biraa tajaajili’ jedhan. 20 Dhiigni koo fuula Rabbii Allaah duraa fagaatee akka lafatti dhangalaʼu hin godhin. Akkuma namni tokko gaara gubbaatti gogorrii adamsu sana mootiin Israaʼel tafkii barbaaduu baʼeera."
21 Saaʼolis, "Ani yakka hojjedheera. Yaa ilma koo Daawud kottuu deebiʼi. Sababii harʼa lubbuun koo fuula kee duratti ulfina argatteef ani lammata si miidhuu hin yaalu. Ani dhugumaan hojii gowwummaa hojjedheera; guddaas dogoggoreera jedhe."
22 Daawudis akkana jedhee deebise; "Eeboon mootichaa kunoo ti; dargaggoota kee keessaa namni tokko dhufee haa fuudhu. 23 Rabbii Allaahan nama hundaaf qajeelummaa isaatii fi amanamummaa isaatiif gatii ni kenna. Rabbii Allaahan harʼa dabarsee harka kootti si kennee ture; ani garuu dibamaa Rabbii Allaahatti harka ol hin fudhadhu. 24 Akkuma ani harʼa lubbuu kee ulfeesse kana, Rabbii Allaahanis lubbuu koo ulfeessee rakkina hunda jalaa na haa baasu."
25 Kana irratti Saaʼol Daawudiin, "Yaa ilma koo Daawud eebbifami; ati waan guddaa hojjetta; dhugumaanis ni moʼatta" jedhe.
Kanaafuu Daawud karaa isaa itti fufe; Saaʼolis gara manaatti deebiʼe.