Publicidade

1 Samuel 20

Daawudii fi Yoonaataan

1 Daawudis Naayot ishee Raamaa keessatti argamtuu baqatee Yoonaataan bira deemee, "Ani maalin godhe? Yakki koos maali? Cubbuun ani fuula abbaa keetii duratti hojjedhee inni na ajjeesuu barbaaduuf kami?" jedhee gaafate.

2 Yoonaataanis deebisee, "Kun gonkumaa hin taʼu; ati hin ajjeefamtu! Abbaan koo waan xinnaas taʼu waan guddaa utuu na wajjin hin mariʼatin hin hojjetu. Yoos abbaan koo akkam waan kana na dhoksa ree? Wanni kun akkas miti!" jedhe.

3 Daawud garuu akkana jedhee kakate; "Akka ani fuula kee duratti fudhatama argadhe abbaan kee sirriitti beeka; kanaafuu inni, ‘Yoonaataan waan gadduuf akka waan kana beeku hin godhinaa’ jedheera. Garuu dhugaa Rabbii Allaah jiraataa ti; duʼa kee ti; anaa fi duʼa giddu tarkaanfii tokko qofatu jira."

4 Yoonaataanis Daawudiin, "Waan ati akka ani siif godhu barbaaddu hunda siifin godha" jedhe.

5 Kanaafuu Daawud akkana jedhe; "Bor Ayyaana Baatii ti; anis mootii wajjin maaddiitti dhiʼaachuun qaba; garuu akka ani dhaqee hamma galgala iftaaniitti ala dhokadhu naa eeyyami. 6 Yoo abbaan kee na barbaadee na dhabe, ‘Daawud waan aarsaan waggaa sababii maatii isaa guutuutiif achitti dhiʼeeffamaa jiruuf akka ariitiidhaan gara Beetlihem magaalaa ofii isaa dhaquuf cimsee eeyyama na gaafatee jira’ jedhiin. 7 Yoo inni, ‘Haa taʼu’ jedhe, garbichi kee ooleera; yoo inni aare garuu akka inni hammina natti yaade hubachuu dandeessa. 8 Ati garuu garbicha keetiif garaa laafi. Atii fi garbichi kee fuula Rabbii Allaah duratti kakuu galtaniirtuutii. Yoo ani yakka qabaadhe atuu na ajjeesi! Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?"

9 Yoonaataanis, "Wanni kun sirraa haa fagaatu! Ani utuu akka abbaan koo si miidhuu barbaade beekee silaa sitti hin himun turee?" jedhe.

10 Daawudis, "Yoo abbaan kee dheekkamsaan siif deebise eenyutu natti hima?" jedhee gaafate.

11 Yoonaataan, "Kottu alatti baanaa" jedhe. Kanaafuu isaan lamaanuu walii wajjin deeman.

12 Kana irratti Yoonaataan Daawudiin akkana jedhe; "Ani Rabbii Allaah Israaʼeliin nan kakadha; dhugumaan iftaan yoona yaada abbaa koo nan ilaala! Yoo inni yaada tolaa siif qabaate ani dhaamsa sitti ergeen si beeksisa. 13 Garuu yoo abbaan koo si miidhuu barbaadee ani immoo si beeksisee nagaadhaan si erguu baadhe, Rabbii Allaahan Yoonaataanin haa adabu; waan caalus itti haa fidu. Rabbii Allaahan akkuma abbaa koo wajjin taʼe sana si wajjinis haa taʼu. 14 Akka ani hin ajjeefamneef ati gara laafina hin geeddaramne kan akka gara laafina Rabbii Allaah sana bara jireenya kootii keessa na argisiisi. 15 Yeroo Rabbii Allaahan diinota Daawud lafa irraa barbadeessutti illee gara laafinni kee maatii koo irraa hin citin."

16 Kanaafuu Yoonaataan, "Rabbii Allaahan diinota Daawud itti gaafatamtoota haa godhu" jedhee mana Daawud wajjin kakuu seene. 17 Yoonaataan sababii akkuma lubbuu ofii isaatti Daawudin jaallateef akka inni amma illee isaaf kakatu godhe.

18 Yoonaataanis Daawudiin akkana jedhe: "Bori Guyyaa Ayyaana Baatii ti. Sababii iddoon ati teessu sun duwwaa taʼuuf akka ati hin jirre ni beekama. 19 Iftaan galgala iddoo yeroo rakkinni kun jalqabetti itti dhokatte sana dhaqiitii dhagaa Ezeel bira turi. 20 Ani akka nama waan tokkotti xiyyeeffatee darbatuutti xiyya sadii naannoo dhagaa sanaatti nan darbadha. 21 Ergasiis gurbaa tokko ergee, ‘Dhaqiitii xiyya barbaadi’ nan jedha. Yoo ani, ‘Ilaa, xiyyi siin garana jira; as fidi’ jedheen, dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, ati homaa hin taatuutii kottu; balaan tokko iyyuu hin jiru. 22 Yoo ani gurbichaan, ‘Ilaa, xiyyi siin garas jira’ jedhe garuu waan Rabbii Allaahan akka ati deemtu barbaadeef deemuu qabda. 23 Waaʼee waan anaa fi ati mariʼanne sanaa akka Rabbii Allaahan bara baraan anaa fi si gidduutti dhuga baʼaa taʼe yaadadhu."

24 Kanaafuu Daawud ala dhokate; yeroo Guyyaan Ayyaana Baatii gaʼettis mootichi waa nyaachuuf taaʼe. 25 Innis akkuma amala isaa keenyan manaa bira taaʼe; Yoonaataan fuullee isaa, Abneer immoo Saaʼol cina taaʼe; iddoon Daawud garuu duwwaa ture. 26 Saaʼol gaafas homaa hin dubbanne; inni, "Wanni akka seeraatti isa xureessu tokko Daawuditti dhufuu hin oolu; inni dhugumaanuu xuraaʼaa dha" jedhee yaadaa tureetii. 27 Garuu guyyaa itti aanu jechuunis jiʼa sana keessaa guyyaa lammaffaatti iddoon Daawud ammas duwwaa ture. Kana irratti Saaʼol ilma isaa Yoonaataaniin, "Ilmi Isseey sun maaliif kaleessas harʼas nyaataaf hin dhufin?" jedhe.

28 Yoonaataanis akkana jedhee deebise; "Daawud gara Beetlihem deemuuf jedhee jabeessee eeyyama na gaafate. 29 Innis, ‘Sababii maatiin keenya magaalaa sana keessatti aarsaa dhiʼeessaa jiruu fi sababii obboleessi koo akka ani achitti argamuuf na ajajeef nan dhaqa. Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe akka ani obboloota koo ilaaluu dhaquuf naa eeyyami’ jedhe. Wanni inni utuu maaddii mootichaatti hin dhiʼaatin hafeefis kanuma."

30 Saaʼolis akka malee Yoonaataanitti aaree akkana jedheen; "Ati yaa ilma dubartii micciiramtuu fi finciltuu sanaa! Akka ati ilma Isseey kan siʼii fi haadha si deesseef qaanii taʼe sanaaf tumsite ani hin beekuu? 31 Hamma ilmi Isseey lafa irra jirutti atis mootummaan kees jabaattanii hin dhaabattan. Kanaafuu amma nama itti ergiitii gara koo fichisiisi; inni duʼuu qabaatii!"

32 Yoonaataanis, "Inni maaliif ajjeefama? Maali godhe?" jedhee abbaa isaa Saaʼolin gaafate. 33 Saaʼol garuu isa ajjeesuudhaaf eeboo itti darbate. Kanaafuu Yoonaataan akka abbaan isaa Daawudin ajjeesuuf kutate beeke.

34 Yoonaataanis akka malee aaree maaddii irraa kaʼe; innis sababii hojii qaanii kan abbaan isaa Daawuditti hojjete sanaan gaddeef bultii lammaffaa jiʼa sanaatti homaa hin nyaanne.

35 Yoonaataan ganama barii Daawudin wal arguuf gad baʼe. Gurbaan xinnaan tokkos isa wajjin ture. 36 Innis gurbaa sanaan, "Fiigiitii xiyya ani darbadhu sana barbaadi" jedhe. Akkuma gurbaan sun fiigeen Yoonaataan isa duubaan xiyya darbate. 37 Yeroo gurbichi iddoo xiyyi Yoonaataan buʼe sana gaʼetti, Yoonaataan isa waamee, "Xiyyi siin achi jira mitii?" jedhe. 38 Ergasiis, "Ariifadhu! Dafiitii deemi! Hin dhaabatin!" jedhee itti iyye; gurbichis xiyya sana fuudhee gara gooftaa isaatti deebiʼe. 39 Gurbaan sun waaʼee waan kana hundaa waan tokko illee hin beekne; Yoonaataanii fi Daawud qofatu beeka ture. 40 Ergasiis Yoonaataan miʼa isaa kan lolaa gurbichatti kennee, "Fuudhiitii gara magaalaatti deebiʼi" jedheen.

41 Erga gurbichi deemee booddee Daawud karaa kibba dhagaa sanaatii kaʼee yeroo sadii gad jedhee fuula Yoonaataan duratti addaan lafatti gombifame. Ergasiis isaan wal dhungatanii walitti booʼan; Daawud garuu caalaa booʼe.

42 Yoonaataanis Daawudiin, " ‘Anaa fi si gidduutti, sanyii koo fi sanyii kee gidduutti Rabbii Allaahan bara baraan dhugaa baatuu dha’ waliin jennee akka firummaan keenya jabaatee dhaabatuuf maqaa Rabbii Allaahatiin walii kakanneerraatii nagaan deemi" jedhe. Ergasii Daawud kaʼee qajeele. Yoonaataanis gara magaalaatti deebiʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-