Publicidade

1 Samuel 1

Dhalachuu Saamuʼeel

1 Namicha biyya gaara Efreem keessa Raamaatayiim Zoofiim jiraatu kan maqaan isaa Elqaanaa jedhamu tokkotu ture; innis ilma Yeroohaam, ilma Eliihuu, ilma Toohuu, ilma Zuufi, ilma Naasiib ture. 2 Innis niitii lama qaba ture; maqaan ishee tokko Haannaa, kaan immoo Finaanaa jedhama ture. Pheniinaan ijoollee qabdi; Haannaan garuu ijoollee tokko illee hin qabdu ture.

3 Elqaanaan wagguma waggaadhaan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa dhiʼeessuu fi sagaduudhaaf magaalaa jiraatuu kaʼee gara Shiilootti ol baʼa ture. Achittis ilmaan Eelii lamaan Hofniinii fi Fiinehaas luboota Rabbii Allaah turan. 4 Yommuu guyyaan itti Elqaanaan aarsaa dhiʼeessu gaʼutti inni niitii isaa Pheniinaa, ilmaan isaatii fi intallan isaa hundaaf foon sana irraa qooda isaanii ni kenna ture. 5 Inni sababii Haannaa jaallatuuf qooda harka lama isheedhaaf kenna ture; Rabbii Allaahan garuu gadameessa ishee cufee ture. 6 Sababii Rabbii Allaahan gadameessa Haannaa cufeef masaanuun ishee akka isheen aartuuf ishee tuttuqaa turte. 7 Kunis wagguma waggaadhaan itti fufe. Yeroo Haannaan gara mana Rabbii Allaahatti ol baatutti masaanuun ishee, ishee tuttuqaa turte; kanaafuu Haannaan ni boossi, nyaatas hin nyaattu turte. 8 Dhirsi ishee Elqaanaanis, "Haannaa ati maaliif boossa? Maaliif hin nyaattu? Garaan kee maaliif gaddaa? Ani ilmaan kudhan siif hin caaluu?" Isheen jedha ture.

9 Gaafa tokko isaan Shiilootti erga nyaatanii dhuganii booddee Haannaan ol kaatee dhaabate. Eeliin lubichi dhaaba balbala mana qulqullummaa Rabbii Allaah bira barcuma irra taaʼaa ture. 10 Haannaanis guddaa gadditee hiqqifatee booʼuudhaan Rabbii Allaah duratti duʼaa godhatte. 11 Akkanas jettee wareegde; "Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, yoo ati dhiphina garbittii keetii ilaaltee na yaadatte, yoo ati garbittii kee dagachuu baattee ilma naa kennite ani bara jireenya isaa guutuu isa Rabbii Allaahaf nan kenna; qarabaan tokko iyyuu mataa isaa hin tuqu."

12 Yeroo Haannaan ittuma fuftee fuula Rabbii Allaah duratti duʼaa godhachaa turtettis Eeliin afaan ishee ilaalaa ture. 13 Haannaanis garaa isheetti duʼaa godhachaa turte; hidhii isheetu sochoʼa malees sagaleen ishee hin dhagaʼamu ture. Kanaafuu Eeliin waan isheen machoofte seʼee, 14 "Ati hamma yoomiitti machoofta? Daadhii wayinii kee of irraa fageessi" jedheen.

15 Haannaanis akkana jettee deebifte; "Lakki akkas miti; yaa gooftaa ko, ani dubartii akka malee dhiphatee dha. Ani lubbuu koo fuula Rabbii Allaah duratti dhangalaase malee daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugne. 16 Ati garbittii kee akka dubartii faayidaa hin qabne tokkootti hin ilaalin. Ani sababii dhiphinaa fi gadda koo guddaa sanaatiif hamma ammaatti duʼaa godhachaa ture."

17 Eeliinis, "Nagaan deemi; Allaahan Israaʼel waan ati kadhatte siif haa kennu" jedhee deebiseef.

18 Isheenis, "Garbittiin kee fuula kee duratti surraa haa argattu" jette. Ergasiis deemsa ishee itti fufte; nyaata ni nyaatte; gaddis fuula ishee irratti hin mulʼanne.

19 Isaanis guyyaa itti aanu ganama barii kaʼanii fuula Rabbii Allaah duratti sagadanii gara mana isaanii Raamaatti deebiʼan. Elqaanaan niitii isaa Haannaa bira gaʼe; Rabbii Allaahanis ishee yaadate. 20 Haannaan ulfooftee yeroon isaa geenyaan ilma deesse. Maqaa isaas, "Ani Rabbii Allaah irraa isa kadhadheeraatii" jettee Saamuʼeel jettee moggaafte.

Saamuʼeel Allaahaf kenname

21 Elqaanaan warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Rabbii Allaahaf aarsaa waggaa dhiʼeessuu fi wareega isaa galchuuf ol baʼe; 22 Haannaan garuu hin dhaqne. Isheenis dhirsa isheetiin, "Erga mucaan kun harma guʼee booddee ani isa geesseen fuula Rabbii Allaah duratti isa dhiʼeessa; innis jireenya isaa guutuu achuma jiraata" jette.

23 Dhirsi ishee Elqaanaanis, "Waanuma jaallatte godhi; ati hamma harma isa guusiftutti asuma turi; Rabbii Allaahan garuu dubbii isaa fiixaan haa baasu" jedheen. Kanaafuu dubartittiin mana turtee hamma harma isa guusiftutti ilma ishee hoosifte.

24 Ishee erga mucicha harma guusiftee booddee mucichaa fi dibicha loonii kan umuriin isaa waggaa sadii taʼe, daakuu iifii tokkoo fi daadhii wayinii qalqalloo tokko fudhattee gara Shiiloo gara mana Rabbii Allaahatti fidde. Mucichis daaʼima ture. 25 Isaanis dibicha sana qalanii mucicha gara Eeliitti fidan; 26 isheenis akkana jetteen; "Yaa gooftaa ko, duʼa lubbuu keetii ti; dubartiin as si bira dhaabattee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhachaa turte sun anuma. 27 Ani mucaa kana argachuuf duʼaa godhadheera; Rabbii Allaahanis waan ani isa kadhadhe naaf kenneera. 28 Kanaafuu ani amma Rabbii Allaahaf isa nan kenna. Bara jireenya isaa guutuu Rabbii Allaahaf ni kennama." Isaanis achitti Rabbii Allaahaf sagadan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_09-43-29-