1 Filisxeemonni erga taabota Allaaha boojiʼanii booddee Ebeenezerii fuudhanii Ashdooditti geessan. 2 Ergasiis taabota sana gara galma Daagonitti geessanii Daagon bira kaaʼan. 3 Namoonni Ashdood yommuu guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanitti Daagon taabota Rabbii Allaah duratti addaan lafatti gombifamee argan! Isaanis lafaa kaasanii iddoo isaatti isa deebisan. 4 Garuu yommuu isaan guyyaa itti aanu ganama kaʼanitti Daagon taabota Rabbii Allaah duratti addaan lafatti gombifamee ture! Mataa fi harki isaas irraa caccabee gulantaa balbalaa irra bubbuʼee ture; dhagna isaa qofatu hafe. 5 Wanni luboonni Daagon yookaan namni galma Daagon kan Ashdood jiru sana ol seenu kam iyyuu hamma harʼaatti gulantaa balbalaa irra hin ejjenneef kanuma.
6 Harki Rabbii Allaah saba Ashdoodii fi naannoo ishee irratti jabaate; badiisa isaanitti fide; iitoos isaanitti naqe. 7 Namoonni Ashdoodis yeroo waan taʼaa ture arganitti, "Sababii harki isaa nuu fi Allaah keenya Daagon irratti jabaateef taabonni Allaah Israaʼel as turuu hin qabu" jedhan. 8 Kanaaf bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel maal gochuu qabna?" jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis, "Taabota Allaah Israaʼel gara Gaati geessaa!" jedhanii deebisan. Kanaaf taabota Allaah Israaʼel achii baasan.
9 Erga taabota sana achii baasanii booddee harki Rabbii Allaah magaalaa sanatti jabaatee badiisa guddaa fide. Namoota magaalaa sana jiraatanis xinnaadhaa hamma guddaatti dhaʼe; akka dhiitoon isaanitti yaaʼus godhe. 10 Kanaafuu taabota Allaaha gara Eqroonitti ergan.
Akkuma taabonni Allaaha Eqroon seeneenis namoonni Eqroon, "Isin nuu fi namoota keenya fixuudhaaf taabota Allaaha nutti fiddan" jedhanii iyyan. 11 Kanaafuu bulchitoota Filisxeem hunda walitti waamanii, "Taabota Allaah Israaʼel asii fageessaa; iddoo isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni nuu fi saba keenya fixa" jedhaniin. Sodaan duʼaa magaalaa sana guutee tureetii; harki Allaahas akka malee itti jabaatee ture. 12 Warri hin duʼinis waan dhiitoon isaanitti yaaʼeef iyyi isaanii shamaayʼuniitti ol baʼe.