Publicidade

1 Samuel 3

Rabbii Allaahan Saamuʼeelin Waame

1 Saamuʼeel mucichi fuula Eelii duratti Rabbii Allaah tajaajilaa ture. Bara sana keessa dubbiin Rabbii Allaah yeroo tokko tokko malee hin dhufu ture; mulʼanni baayʼeenis hin jiru ture.

2 Eeliin inni iji isaa arguu dadhabe sun halkan tokko idduma isaa kan durii rafaa ture. 3 Saamuʼeelis mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa iddoo taabonni Allaaha ture sana ture; ibsaan Allaaha amma illee hin dhaamne ture. 4 Rabbii Allaahanis Saamuʼeelin ni waame.

Saamuʼeelis, "Ani asin jira" jedhee deebise. 5 Fiigees gara Eelii dhaqee, "Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera" jedheen.

Eeliin garuu, "Ani si hin waamne; deebiʼii ciisi" jedheen; innis deebiʼee ciise.

6 Ammas Rabbii Allaahan, "Saamuʼeel!" jedhee waame; Saamuʼeelis kaʼee Eelii bira dhaqee, "Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera" jedhe.

Eeliinis, "Yaa ilma koo ani si hin waamne; dhaqii ciisi" jedheen.

7 Yeroo sana Saamuʼeel Rabbii Allaah hin beeku ture; dubbiin Rabbii Allaahanis isaaf hin ibsamne ture.

8 Rabbii Allaahan yeroo sadaffaadhaaf Saamuʼeelin ni waame; Saamuʼeelis kaʼee gara Eelii dhaqe, "Ati waan na waamteef ani kunoo dhufeera" jedhe.

Eliin yeroo kana akka Rabbii Allaahan mucicha waamaa ture hubate. 9 Kanaafuu Eeliin Saamuʼeeliin, "Dhaqii ciisi; yoo inni si waame, ‘Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii yaa Rabbii Allaah dubbadhu’ jedhi" jedheen. Kanaafuu Saamuʼeel dhaqee iddoo ofii isaa ciise.

10 Rabbii Allaahanis dhufee achi dhaabatee akkuma duraan waametti, "Saamuʼeel! Saamuʼeel!" jedhee waame.

Saamuʼeelis, "Garbichi kee dhagaʼaa jiraatii dubbadhu" jedhe.

11 Rabbii Allaahanis Saamuʼeeliin akkana jedhe: "Kunoo ani waan gurra namaatti hin tolle tokko Israaʼelitti fiduufin jira. 12 Gaafas ani waanan maatii Eelii irratti dubbadhe hundumaa jalqabaa hamma dhumaatti Eeliitti nan fida. 13 Sababii waaʼee cubbuu inni iyyuu beeku tokkootiif ani maatii isaa akkan adabu isatti himeeraatii. Ilmaan isaa waan jibbisiisaa hojjetan; inni garuu isaan hin dhowwine. 14 Kanaaf ani, ‘Cubbuun mana Eelii aarsaadhaan yookaan qalmaan hin haqamu’ jedhee kakadheera."

15 Saamuʼeel hamma bariʼutti ni rafe; ergasii balbala mana Rabbii Allaah bane. Innis mulʼata sana Eeliitti himuu sodaatee ture. 16 Eeliin garuu ofitti isa waamee, "Saamuʼeel, yaa ilma koo" jedhe.

Saamuʼeelis deebisee, "Ani asin jira" jedheen.

17 Eeliinis, "Inni maal jedhee sitti dubbate? Na hin dhoksin; yoo ati waan inni sitti hime tokko illee na dhoksite Allaahan waan hamaa sitti haa fidu; sittis haa cimsu" isaan jedhe. 18 Kanaaf Saamuʼeel waan tokko illee utuu hin dhoksin waan hundumaa isatti hime. Eeliinis, "Inni Rabbii Allaah dha; waan isatti tole haa godhu" jedhe.

19 Saamuʼeel guddachaa deeme; Rabbii Allaahanis isa wajjin ture; dubbii isaa keessaas tokko iyyuu lafa hin buʼu ture. 20 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman hundi akka Saamuʼeel nabiiʼiyyii Rabbii Allaah taʼee fudhatame beekan. 21 Rabbii Allaahan ammas Shiilootti mulʼate; inni karaa dubbii isaatiin Saamuʼeelitti of mulʼiseeraatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-