1 Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawudin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawudin jaallata ture; 2 akkana jedhees isa akeekkachiise; "Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi. 3 Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima."
4 Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawud waan gaarii dubbate; "Mootichi tajaajilaa isaa Daawuditti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera. 5 Daawud lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Rabbii Allaahanis Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawuditti yakka hojjetta ree?"
6 Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, "Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa, Daawud hin ajjeefamu" jedhee kakate.
7 Kanaafuu Yoonaataan Daawudin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawudis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
8 Ammas lolli ni kaʼe; Daawudis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
9 Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Rabbii Allaah biraa isatti dhufe. Utuu Daawud baganaa taphachaa jiruu, 10 Saaʼol eeboodhaan Daawudin keenyanitti hodhuu yaale; Daawud garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawudis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
11 Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawuditti namoota erge. Miikaal niitiin Daawud garuu, "Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta" jettee akeekkachiifte. 12 Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawudin gad buufte; innis baqatee miliqe. 13 Ergasii Miikaal fakkii waaqeffatamaa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
14 Yeroo Saaʼol Daawudin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, "Inni dhukkubsateera" jette.
15 Saaʼol akka isaan Daawudin ilaalaniif deebisee namoota ergee, "Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa" isaaniin jedhe. 16 Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin waaqeffatamaa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
17 Saaʼolis Miikaaliin, "Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?" jedhe.
Miikaalis, "Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe" jetteen.
18 Daawudis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan. 19 Saaʼolittis, "Kunoo Daawud Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira" jedhanii himan. 20 Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee nabiiʼiyyoota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Allaaha namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan. 21 Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. 22 Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, "Saamuʼeelii fi Daawud eessa jiru?" jedhee gaafate.
Namni tokkos, "Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru" jedheen.
23 Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Allaaha isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme. 24 Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, "Saaʼolis nabiiʼiyyoota keessaa tokkoodhaa?" jedhaniif kanuma.