1 Rabbii Allaahanis Saamuʼeeliin akkana jedhe; "Saaʼol isa ani akka inni Israaʼel irratti mootii hin taaneef tuffadhe sanaaf hamma yoomiitti boossa? Gaanfa keetti zayitii guuttadhuutii deemi; ani gara Isseeyi nama Beetlihemitti sin erga. Ani ilmaan isaa keessaa isa tokko akka mootii taʼuuf filadheeraatii."
2 Saamuʼeel garuu, "Ani akkamittin deemuu dandaʼa? Saaʼol yoo waan kana dhagaʼe na ajjeesa" jedhe.
Rabbii Allaahan immoo akkana jedhe; "Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Ani Rabbii Allaahaf aarsaa dhiʼeessuufin dhufe’ jedhi. 3 Isseeyinis gara aarsaatti waami; ani waan ati gootu sitti argisiisa. Atis nama ani sitti argisiisu sana naa dibda."
4 Saamuʼeelis waan Rabbii Allaahan isa ajaje godhe. Yommuu inni Beetlihem gaʼetti maanguddoonni magaalaa sanaa hollachaa isa simachuu dhufanii, "Ati naguma dhuftee?" jedhanii isa gaafatan.
5 Saamuʼeelis deebisee, "Eeyyee naguma; ani Rabbii Allaahaf aarsaa dhiʼeessuun dhufe. Isinis of qulqulleessaatii na wajjin gara aarsaa kottaa" jedhe. Ergasiis inni Isseeyii fi ilmaan isaa qulqulleessee gara aarsaatti isaan waame.
6 Yeroo isaan achi gaʼanittis Saamuʼeel Eliiyaabin argee, "Dhugumaan namni Rabbii Allaahan dibe as fuula Rabbii Allaah dura dhaabateera" jedhee garaatti yaade.
7 Rabbii Allaahan garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Rabbii Allaahan waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Rabbii Allaahan garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.
8 Isseeyis ergasii Abiinaadaabin waamee akka inni fuula Saamuʼeel dura darbu godhe. Saamuʼeel garuu, "Rabbii Allaahan isa kana hin filanne" jedhe. 9 Isseey akka Shamaan darbu godhe; Saamuʼeel garuu, "Rabbii Allaahan isa kanas hin filanne" jedhe. 10 Isseey akka ilmaan isaa torbanuu fuula Saamuʼeel dura darban godhe; Saamuʼeel garuu, "Rabbii Allaahan isaan kanneen hin filanne" jedhe. 11 Innis, "Ilmaan kee hundi kanneenumaa?" jedhee Isseeyin gaafate.
Isseeyis, "Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira" jedhe.
Saamuʼeelis, "Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii" jedhe.
12 Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture.
Rabbii Allaahanis, "Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii" jedhe.
13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Rabbii Allaah humnaan Daawud irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.
14 Hafuurri Rabbii Allaahas Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan Rabbii Allaah biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise.
15 Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; "Kunoo hafuurri hamaan Allaah biraa ergamee si dhiphisaa jira. 16 Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Allaah biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa."
17 Kanaafuu Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, "Nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu tokko barbaadaatii naa fidaa" jedhe.
18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, "Kunoo ilma Isseey nama Beetlihem kan baganaa taphachuu beeku tokko ani argeera. Innis jagnaa fi loltuu dha. Nama dubbii beekuu fi miidhagaa dha. Rabbii Allaahanis isa wajjin jira" jedhee deebise.
19 Saaʼolis Isseeyitti ergamoota ergee, "Ilma kee Daawud isa hoolota bira jiru sana naa ergi" jedhe. 20 Isseeyis harree tokko fidee buddeenaa fi daadhii wayinii qalqalloo tokko itti feʼee, ilmoo reʼee tokko wajjin ilma isaa Daawudin Saaʼoliif erge.
21 Daawud gara Saaʼol dhufee tajaajila isaa jalqabe. Saaʼol akka malee isa jaallate; Daawudis nama miʼa lolaa isaaf baatu taʼe. 22 Saaʼolis, "Akka inni na wajjin turee na tajaajiluuf Daawudiif eeyyami; ani isatti gammadeeraatii" jedhee Isseeyitti dhaame.
23 Yommuu hafuurri hamaan Allaah biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawud baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture.