Publicidade

1 Samuel 18

Saaʼol Daawuditti Hinaafuu Isaa

1 Erga Daawud Saaʼol wajjin haasaʼee fixatee booddee, lubbuun Yoonaataan lubbuu Daawuditti maxxante; Yoonaataanis akkuma lubbuu ofii isaatti isa jaallate. 2 Saaʼolis gaafa sanaa jalqabee Daawudin ofitti fudhate; akka inni gara mana abbaa isaatti deebiʼus hin eeyyamneef. 3 Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawud wajjin kakuu seene. 4 Yoonaataanis qoloo uffatee ture of irraa baasee kittaa isaa, goraadee isaa, iddaa isaatii fi sabbata isaa dabalee Daawudiif kenne.

5 Daawud iddoo Saaʼol itti isa erge hunda dhaqee ni milkaaʼa ture. Saaʼolis namoota waraanaa irratti isa sadarkaa ol aanaa kenneef. Wanni kunis saba hundaa fi tajaajiltoota Saaʼol hunda gammachiise.

6 Dubartoonnis erga Daawud Filisxeemicha ajjeesee booddee yommuu namoonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼanitti magaalaawwan Israaʼel hunda keessaa masiinqoo fi dibbee qabatanii faarfannaa gammachuutiin faarfachaa fi shuubbisaa Saaʼol mooticha simachuuf baʼan. 7 Dubartoonni sunis wal jalaa qabanii:

"Saaʼol kumaatama ajjeese;

Daawud immoo kuma kumaatamaa ajjeese" jedhanii faarfatan.

8 Saaʼol akka malee aare; jechi kunis isa hin gammachiifne. Innis, "Isaan Daawudiif kuma kumaatama kennan; anaaf garuu kumaatama qofa kennan. Mootummaa fudhachuu malee maaltu isa hafe?" jedhee yaade. 9 Gaafasii jalqabee Saaʼol ija hinaaffaatiin Daawudin ilaala ture.

10 Guyyaa itti aanutti hafuurri hamaan Allaah biraa humnaan Saaʼolitti dhufe. Innis mana isaa keessatti raajii dubbachaa ture; Daawud immoo akkuma duraan godhu sana baganaa taphachaa ture. Saaʼolis eeboo harkatti qabatee ture; 11 innis, "Ani Daawudin keenyanittan hodha" jedhee waan yaadeef eeboo itti darbate. Daawud garuu yeroo lama isa duraa miliqe.

12 Saaʼolis Daawudin sodaate; Rabbii Allaahan Saaʼolin dhiisee Daawud wajjin tureetii. 13 Kanaafuu Saaʼol Daawudin fuula ofii isaa duraa fageessee ajajaa kumaa isa godhe; Daawudis loltoota hoogganee ni baʼa; ni galas ture. 14 Sababii Rabbii Allaahan isa wajjin tureef inni waan hojjetu hundumaan ni milkaaʼa ture. 15 Saaʼolis yeroo akka inni milkaaʼe argetti isa ni sodaate. 16 Israaʼelii fi Yihuudaan hundi garuu Daawudin ni jaallatan; inni fuula isaanii dura ni baʼa; ni galas tureetii.

17 Saaʼolis Daawudiin, "Meerab intalli koo hangafti kunoo ti; ati jagnummaan lola Rabbii Allaah loli malee ani ishee sitti nan heerumsiisa" jedhe. Saaʼol, "Harki Filisxeemotaa isa irratti haa kaʼu malee ani harka koo isa irratti hin kaasu" jedhee yaadaa tureetii.

18 Daawud garuu Saaʼoliin, "Soddaa mootii taʼuuf ani eenyu? Maatiin koo yookaan gosti abbaa koo Israaʼel keessatti maali?" jedhe. 19 Kanaafuu yommuu yeroon itti Meerab intalli Saaʼol Daawuditti heerumtu dhiʼaatetti isheen Adriiʼeel nama biyya Mehoolaatitti heerumte.

20 Miikaal intalli Saaʼolis Daawudin jaallattee turte; Saaʼolis yeroo waaʼee kanaa dhagaʼetti ni gammade. 21 Innis, "Akka isheen kiyyoo isatti taatuu fi akka harki Filisxeemotaa isa argatuuf ani ishee isatti nan heerumsiisa" jedhee yaade. Kanaafuu Saaʼol Daawudiin, "Ati amma soddaa koo taʼuuf carraa lammaffaa qabda" jedhe.

22 Ergasiis Saaʼol, " ‘Kunoo mootiin sitti gammada; tajaajiltoonni isaa hundinuus si jaallatu; ati amma soddaa isaa taʼi’ jedhaatii dhoksaadhaan Daawuditti himaa" jedhee tajaajiltoota isaa ajaje.

23 Isaanis irra deebiʼanii waan kana Daawuditti himan; Daawud garuu, "Soddaa mootii taʼuun waanuma salphaa seetanii? Ani hiyyeessa; nama hamma kanatti beekamus miti" jedhe.

24 Tajaajiltoonni Saaʼol waan Daawud jedhe isatti himan; 25 Saaʼol immoo, " ‘Mootichi diinota isaa haaloo baʼuuf misaa Filisxeemotaa dhibba tokko malee gabbara biraa tokko illee sirraa hin barbaadu’ jedhaatii Daawuditti himaa" jedhe. Karoorri Saaʼol akka Daawud harka Filisxeemotaatti kufu ture.

26 Yommuu tajaajiltoonni sun waan kana Daawuditti himanitti, Daawud soddaa mootii taʼuuf ni gammade. Kanaafuu utuu yeroon isaa hin gaʼin, 27 Daawudii fi namoonni isaa dhaqanii Filisxeemota dhibba lama ajjeesan. Daawudis soddaa mootii taʼuuf jedhee misaa Filisxeemota ajjeefamanii hunda fidee mootichatti kenne. Kana irratti Saaʼol intala isaa Miikaalin isatti heerumsiise.

28 Saaʼol yommuu akka Rabbii Allaahan Daawud wajjin jiruu fi akka Miikaal isa jaallate hubatetti, 29 ammas akka malee isa sodaate; bara jireenya isaa kan hafe hundas diina isaa taʼee jiraate.

30 Ajajjoonni waraana Filisxeemotaas yeroo hedduu waraanaaf ni baʼu turan; yeroo isaan waraanaaf baʼan hundas Daawud qondaaltota Saaʼol kaan caalaa moʼannaa argata ture; maqaan isaas baayʼee beekame.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-