Publicidade

1 Samuel 6

Taabonni Gara Israaʼelitti Deebiʼe

1 Taabonni Rabbii Allaahas Filisxeem keessa jiʼa torba ture. 2 Filisxeemonnis lubootaa fi ilaaltota waamanii, "Taabota Rabbii Allaah maal haa goonu? Iddoo isaatti haala akkamiitiin akka deebifnu nutti himaa" jedhaniin.

3 Isaanis deebisanii, "Yoo taabota Allaah Israaʼel deebiftan, kennaa yakkaa wajjin malee duwwaa isaa hin deebisinaa; ergasii isin ni fayyitu; harki isaas maaliif akka isin irraa hin kaafamin ni beektu" jedhaniin.

4 Filisxeemonnis, "Kennaan yakkaa kan nu erginuuf maal taʼuu qaba?" jedhanii gaafatan.

Isaanis akkana jedhanii deebisan; "Sababii dhaʼichi isinii fi bulchitoota keessan rukute tokkuma taʼeef akkuma baayʼina bulchitoota Filisxeemotaatti dhiitoo warqee shananii fi hantuuta warqee shan ergaa. 5 Fakkii dhiitoo fi fakkii hantuutaa kanneen biyya balleessaa jiranii hojjedhaa; Allaah Israaʼeliif immoo ulfina kennaa. Yoos inni harka isaa isin irraa, waaqeffatamtoota keessanii fi biyya keessan irraa ni kaasa taʼa. 6 Isin maaliif akka namoota Gibxiitii fi akka Faraʼoon mataa jabeeyyii taatu? Yeroo Allaahan adaba cimaadhaan isaan adabetti, isaan akka Israaʼeloonni gara barbaadan deemaniif hin eeyyamneefii?

7 "Kanaafuu gaarii haaraa fi saawwan hoosisan kan waanjoon takkumaa irra hin kaaʼamin lama qopheessaa. Saawwan sanas gaarii sanatti camadaa; jabboota isaanii garuu gara manaatti biraa deebisaatii itti cufaa. 8 Taabota Rabbii Allaah sanas fuudhaatii gaarii irra kaaʼaa; miʼa warqee aarsaa yakkaatiif ergitan sanas sanduuqa taabota Allaah bira jiru keessa kaaʼaa. Akka inni karaa barbaade deemuufis gad dhiisaa; 9 garuu ija isa irraa hin buqqifatinaa. Yoo inni gara biyya isaa gara Beet Shemeshitti qajeele rakkina guddaa kana Rabbii Allaahatu nutti fide. Yoo gara sanatti qajeeluu baate garuu dhaʼichi kun akkuma tasaa nutti dhufe malee Allaahan nutti hin fidne."

10 Isaanis akkasuma godhan. Saawwan lamaan fuudhanii gaariitti camadan; jabboota isaanii manatti deebisanii itti cufan. 11 Isaanis taabota Rabbii Allaah sana gaariitti feʼan. Sanduuqa hantuuta warqeetii fi fakkii iitoo baatu sanas isa wajjin feʼan. 12 Saawwan sunis karaa qabatanii utuu bitaa mirgatti hin gorin marʼachaa gara Beet Shemeshitti qajeelan. Bulchitoonni Filisxeemotaas hamma daarii Beet Shemeshitti isaan faana buʼan.

13 Yeroo sanattis namoonni Beet Shemeshi sulula keessaa qamadii haamaa turan; isaanis yommuu ol jedhanii taabota sana arganitti akka malee gammadan. 14 Gaariin sunis lafa qotiisaa Yushuʼaa nama Beet Shemeshi bira gaʼee kattaa guddaa tokko cina dhaabate. Namoonnis muka gaarii sanaa falaxanii saawwan sana aarsaa gubamu godhanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan. 15 Warri Lewwotaas taabota Rabbii Allaah sanduuqicha miʼa warqee baatu sana wajjin gad buusanii kattaa guddaa irra kaaʼan; gaafuma sanas namoonni Beet Shemeshi aarsaa gubamuu fi qalma Rabbii Allaahaf dhiʼeessan. 16 Bulchitoonni Filisxeemotaa shanan erga waan kana hunda arganii booddee gaafuma sana Eqroonitti deebiʼan.

17 Iiti warqee kan Filisxeemonni aarsaa yakkaa godhanii Rabbii Allaahaf ergan kanaa dha; isaanis tokko Ashdoodiif, tokko Gaazaaf, tokko Eqrooniif, tokko Gaatiif, tokko immoo Ashqalooniif ergan. 18 Baayʼinni hantuutota warqees akkuma baayʼina magaalaawwan Filisxeemotaa kanneen bulchitoota shananiif kennamaniitti ture. Magaalaawwan dallaa jajjaboo qaban kunneenis gandoota of jalaa qabu ture. Kattaan guddichi isaan taabota Rabbii Allaah isa irra kaaʼan sunis lafa qotiisaa Yushuʼaa namicha Beet Shemeshi keessatti hamma harʼaatti dhugaa baatuu dha.

19 Allaahanis sababii isaan taabota Rabbii Allaah keessa ilaalaniif namoota Beet Shemeshi dhaʼee isaan keessaa nama torbaatama ajjeese. Sababii Rabbii Allaahan akka malee isaan dhaʼeef namoonni sun ni booʼan; 20 namoonni Beet Shemeshis, "Eenyutu fuula Rabbii Allaaha, fuula Allaah qulqulluu kanaa dura dhaabachuu dandaʼa? Taabonni kun asii baʼee eenyu bira haa dhaqu?" jedhanii gaafatan.

21 Ergasii gara Kiriyaati Yeʼaariimitti ergamoota erganii, "Filisxeemonni taabota Rabbii Allaah deebisaniiru; gad kottaatii taabota sana gara keessanitti fudhadhaa" jedhaniin.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-