Publicidade

1 Samuel 30

Daawud Amaaleqoota Barbadeesse

1 Daawudii fi namoonni isaa guyyaa sadaffaatti Xiiqlaag gaʼan. Yeroo sanattis Amaaleqoonni Negeebii fi Siiqlaagin weeraranii turan. Isaanis Xiiqlaagin dhaʼanii ibiddaan guban; 2 dubartootaa fi warra achi keessa turan hunda, dargaggeeyyii fi jaarsolii boojiʼan. Hunda isaanii fudhatanii deeman malee nama tokko illee hin ajjeefne.

3 Yommuu Daawudii fi namoonni isaa Siiqlaag dhufanitti magaalattiin ibiddaan gubamtee niitonni isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii hundinuu boojiʼamanii turan. 4 Kana irratti Daawudii fi namoonni isa wajjin turan hamma booʼuu dadhabanitti iyyanii booʼan. 5 Niitonni Daawud lamaanuu jechuunis Ahiinooʼam Yizriʼeelittiinii fi Abiigayiil niitiin Naabaal namichi Qarmeloos sun irraa duʼe qabamanii turan. 6 Daawud waan namoonni dhagaadhaan isa tumuuf mariʼachaa turaniif akka malee yaaddaʼe; tokkoon tokkoon namaa sababii ilmaanii fi intallan isaatiif garaan isaa gubatee ture. Daawud garuu Rabbii Allaah isaatiin jabina argate.

7 Daawudis Abiyaataar lubicha ilma Ahiimelekiin, "Dirata sana naa fidi" jedhe. Abiyaataaris ni fideef; 8 Daawudis, "Ani garee weerartootaa kana duukaa buʼuu? Ani isaan qaqqabuu nan dandaʼaa?" jedhee Rabbii Allaah gaafate.

Innis deebisee, "Isaan duukaa buʼaa; ni qaqqabdaatii; boojuu illee dhugumaan irraa buufatta" jedheen.

9 Daawudii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi jaʼan gara Laga Besoor dhufan; gartokkeen isaaniis achitti hafan. 10 Namoonni dhibba lama waan akka malee dadhabaniif laga Besoor ceʼuu hin dandeenye. Daawudii fi namoonni dhibba afur garuu ittuma fufanii duukaa buʼan.

11 Isaanis namicha Gibxi tokko dirree irratti arganii Daawuditti fidanii bishaan inni dhuguu fi waan inni nyaatu kennaniif. 12 Akkasumas bixxillee harbuu cabaa tokkoo fi bixxillee ija wayinii lama kennaniif. Innis nyaatee lubbuun itti deebite; inni guyyaa sadii fi halkan sadii homaa hin nyaanne, bishaanis hin dhugne tureetii.

13 Daawudis, "Ati kan eenyuu ti? Eessaa dhufte?" jedhee isa gaafate.

Namichis akkana jedhe; "Ani nama biyya Gibxi; garbicha Amaaleqicha tokkoo ti. Gooftaan koo guyyaa sadiin dura ani fayyaa dhabnaan na gatee deeme. 14 Nus Negeeb kan Kereetotaa, kutaa Yihuudaatii fi Negeeb Kilaab weerarree Siiqlaagin ibiddaan gubne."

15 Daawudis, "Iddoo gareen weerartuu kanaa jirutti na geessuu ni dandeessaa?" jedheen.

Innis deebisee, "Akka na hin ajjeefne yookaan akka dabarsitee gooftaa kootti na hin kennine fuula Allaaha duratti naa kakadhu; anis iddoo isaan jiranitti sin geessaa" jedhe.

16 Yommuu namichi sun iddoo isaan jiranitti Daawudin geessetti, Amaaleqoonni sababii boojuu guddaa biyya Filisxeemii fi Yihuudaatii fudhatan sanaatiif baadiyyaa keessa faffacaʼanii nyaachaa, dhugaa, sirbaas turan. 17 Daawudis galgala sanaa jalqabee hamma galgala guyyaa itti aanuutti isaan waraane; dargaggeeyyii dhibba afur kanneen gaalawwan yaabbatanii baqatan malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqne. 18 Daawud waan Amaaleqoonni boojiʼan hunda harkaa buufate; niitota isaa lamaanis ni deebifate. 19 Wanni tokko iyyuu hin hirʼanne; jechuunis dargaggeessi yookaan jaarsi, dhiirri yookaan durbi, wanni saamame yookaan wanni isaan fudhatan tokko iyyuu hin hirʼanne. Daawud waan hunda harkaa buufatee fide. 20 Innis bushaayee fi loon isaanii hunda fudhate; namoonni isaas, "Kun boojuu Daawud" jechaa fuula horii kaanii dura isaan oofan.

21 Daawud gara namoota dhibba lamaan akka malee dadhabanii isa duukaa buʼuu hin dandaʼin kanneen Laga Besoor biratti duubatti hafan sanaa dhufe. Isaanis Daawudii fi namoota isaa simachuu gad buʼan. Daawudis yeroo namoota sanatti dhiʼaatetti nagaa isaan gaafate. 22 Garuu namoonni hamoonii fi warri rakkina uuman kanneen duukaa buutota Daawud wajjin turan hundi, "Waan isaan nu wajjin hin duuliniif nu boojuu deebifanne kana isaan wajjin hin qooddannu. Taʼus tokkoon tokkoon isaanii niitii fi ijoollee isaanii fudhatanii haa deeman" jedhan.

23 Daawud immoo akkana jedhee deebise; "Lakkisaa, yaa obboloota ko, isin waan Rabbii Allaahan nuuf kenne irratti waan akkanaa gochuu hin qabdan. Inni nu eegee waraana nutti dhufe illee dabarsee harka keenyatti kenneera. 24 Eenyutu waan isin jettan kana dhagaʼa? Qoodni namicha miʼa eeguu, qooda namicha duula dhaqeetiin tokkuma. Isaan hundi haaluma tokkoon qooddatu." 25 Daawudis gaafasii jalqabee hamma harʼaatti waan kana seeraa fi sirna godhee saba Israaʼeliif dhaabe.

26 Daawud yommuu Siiqlaag gaʼetti, "Kun kennaa boojuu diinota Rabbii Allaah keessaa isinii kennamee dha" jedhee maanguddoota Yihuudaa kanneen michoota isaa turaniif boojuu sana irraa erge.

27 Boojuu sanas warra Beetʼeelitti argamaniif, warra Raamoot Negeebii fi Yatiir turaniif, 28 warra Aroʼeer, warra Siifmoot, Eshtimoʼaa, 29 warra Raakaal akkasumas warra magaalaa Yeramiʼeelotaatii fi magaalaa Qeenotaa keessa jiraataniif, 30 warra Hormaa, warra Boor Aashaan, warra Ataak, 31 warra Kebroon akkasumas iddoowwan Daawudii fi namoonni isaa keessa nanaannaʼan hunda jiraataniif erge.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_09-43-29-