Publicidade

1 Samuel 25

Daawud, Naabaalii fi Abiigayiil

1 Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa qabbaran. Kana irratti Daawud achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.

2 Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture. 3 Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kilaab.

4 Daawud akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe. 5 Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; "Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa. 6 Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!

7 " ‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne. 8 Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawudiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’ "

9 Namoonni Daawudis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawudiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.

10 Naabaalis tajaajiltoota Daawudiif akkana jedhee deebise; "Daawud kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru. 11 Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?"

12 Namoonni Daawudis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan. 13 Daawudis namoota isaatiin, "Goraadee keessan hidhadhaa!" jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawudis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawud wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.

14 Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: "Daawud akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse. 15 Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne. 16 Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan. 17 Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu."

18 Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte. 19 Ergasii tajaajiltoota isheetiin, "Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba" jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.

20 Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawudii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte. 21 Daawud akkana jedhee ture; "Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera. 22 Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Allaahan Daawudin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!"

23 Abiigayiil yeroo Daawudin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawud duratti lafatti gombifamtee sagadde. 24 Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: "Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi. 25 Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine. 26 Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne Rabbii Allaahan si eegeera; dhugaa Rabbii Allaah jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan. 27 Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu.

28 "Waan gooftaan koo lola Rabbii Allaah loluuf Rabbii Allaahan gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin. 29 Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti Rabbii Allaah keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata. 30 Yeroo Rabbii Allaahan akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti, 31 gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo Rabbii Allaahan kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu."

32 Daawudis Abiigayiiliin akkana jedhe; "Rabbii Allaahan Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu. 33 Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami. 34 Dhugaa Rabbii Allaah Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture."

35 Daawudis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, "Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera" jedhe.

36 Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne. 37 Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe. 38 Bultii kudhan booddee Rabbii Allaahan Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe.

39 Daawudis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, "Rabbii Allaah isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii" jedhe.

Daawudis akka isheen niitii isaaf taatu gaafachuuf Abiigayiilitti ergaa erge. 40 Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, "Daawud akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge" jedhan.

41 Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, "Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera" jette. 42 Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawud wajjin deebitee dhaqxee Daawudiif niitii taate. 43 Akkasumas Daawud biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif. 44 Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawud turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-