1 Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; "Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera. 2 Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera. 3 Ani asan jira; isinis fuula Rabbii Allaahatii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa."
4 Isaanis deebisanii, "Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne" jedhan.
5 Saamuʼeel immoo, "Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Rabbii Allaahan isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa" isaaniin jedhe.
Isaanis, "Inni dhuga baʼaa dha" jedhan.
6 Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; "Kan Muusaa fi Haaruunin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase Rabbii Allaah dha. 7 Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan Rabbii Allaahan isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula Rabbii Allaah duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa.
8 "Yeroo Yaaʼikuub biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan Rabbii Allaahatti iyyatan; Rabbii Allaahanis Muusaa fi Haaruun warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge.
9 "Isaan garuu Rabbii Allaah isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan. 10 Isaanis Rabbii Allaahatti iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; Rabbii Allaah dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan. 11 Rabbii Allaahan Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase.
12 "Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, Rabbii Allaahan keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan. 13 Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! Rabbii Allaahan mootii isin irratti moosiseera. 14 Yoo isin Rabbii Allaah sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun Rabbii Allaah keessan faana buutan gaarii dha! 15 Yoo isin Rabbii Allaahaf ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
16 "Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa Rabbii Allaahan fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa! 17 Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula Rabbii Allaah duratti hojjettan ni hubattu."
18 Kana irratti Saamuʼeel Rabbii Allaah waammate; Rabbii Allaahanis yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus Rabbii Allaah fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan.
19 Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, "Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef Rabbii Allaah, Allaah kee duratti duʼaa nuuf godhi; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii" jedhan.
20 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; "Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan Rabbii Allaah tajaajilaa malee Rabbii Allaah irraa hin deebiʼinaa. 21 Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii. 22 Rabbii Allaahan sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; Rabbii Allaahan kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii. 23 Akka yaada kootti ani isinii duʼaa gochuu dhiisee Rabbii Allaahatti yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa. 24 Garuu Rabbii Allaah sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa. 25 Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu."