1 Ergasii Saamuʼeel zayitii bilillee tokko fuudhee mataa Saaʼol irratti dhangalaasee isa dhungatee akkana jedhe; "Akka ati dhaala isaa irratti mootuuf Rabbii Allaahan si hin dibnee? 2 Harʼa ati yeroo na biraa deemtutti biyya Biniyaam keessatti qabrii Raahel biratti iddoo Zelzaa jedhamutti namoota lama ni argita. Isaanis, ‘Harroonni ati barbaadaa turte sun argamaniiru. Amma abbaan kee waaʼee harrootaa yaaduu dhiisee waaʼee kee, "Waaʼee ilma koo ani maal godhu laata?" jedhee yaaddaʼaa jira’ siin jedhu.
3 "Ergasiis achii kaatee hamma qilxuu Taaboor guddichaatti ni deemta. Achittis namoonni sadii kanneen gara Allaaha, gara Beetʼeelitti ol baʼaa jiran, inni tokko ilmoolee reʼee sadii, tokko immoo daabboo sadii, inni kaanis daadhii wayinii qalqalloo tokko baatanii sitti dhufu. 4 Isaanis nagaa si gaafatanii daabboo lama siif kennu; atis isaan harkaa ni fudhatta.
5 "Sana booddees iddoo hoomaan waraana Filisxeem jiru gara Gibeʼaa gara tulluu Allaaha ni dhaqxa. Atis akkuma magaalaatti dhiʼaatteen gareen nabiiʼiyyootaa tokko masiinqoo, dibbee, ulullee fi baganaa qabatee gaara gubbaadhaa gad sitti dhufa; isaanis raajii ni dubbatu. 6 Hafuurri Rabbii Allaah humnaan sirra ni buʼa; atis isaan wajjin raajii dubbatta; geeddaramtees nama biraa taata. 7 Yeroo mallattoowwan kunneen fiixaan baʼanitti waan harka keetti dhufe hunda hojjedhu; Allaahan si wajjin jiraatii.
8 "Ati na dura gara Gilgaalitti gad buʼi. Anis aarsaa gubamuu fi qalma nagaa dhiʼeessuuf gara kee nan dhufa; ati garuu hamma ani dhufee waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba turuu qabda."
9 Yeroo Saaʼol Saamuʼeelin dhiisee deemuuf fuula isaa garagalfatetti, Allaahan Saaʼoliif qalbii haaraa kenne. Mallattoowwan kunneen hundinuus gaafas raawwataman. 10 Yeroo isaan Gibeʼaa gaʼanittis gareen nabiiʼiyyootaa tokko isatti dhufe; Hafuurri Allaahas isa irra buʼe; innis isaan wajjin raajii dubbate. 11 Warri duraan isa beekan hundi yeroo nabiiʼiyyoota wajjin raajii dubbachuu isaa arganitti, "Ilma Qiishiitti maaltu dhufe? Saaʼolis garee nabiiʼiyyootaa keessaa tokkoo?" jedhanii wal gagaafatan.
12 Namichi achi jiraatu tokkos, "Abbaan isaanii eenyu?" jedhee gaafate. Kanaafuu jechi, "Saaʼolis garee nabiiʼiyyootaa keessaa tokkoo?" jedhu sun mammaaksa taʼe. 13 Saaʼolis erga raajii dubbachuu raawwatee booddee gaara sagadaatti ol baʼe.
14 Obboleessi abbaa Saaʼolis tajaajilaa isaatiin, "Isin eessa dhaqxan?" jedhee gaafate.
Saaʼolis, "Harroota barbaacha deemne; garuu yommuu deebinetti Saamuʼeel bira dhaqne" jedhee deebise.
15 Obboleessi abbaa Saaʼol immoo, "Waan Saamuʼeel siin jedhe natti himi" jedhe.
16 Saaʼolis deebisee, "Inni akka harroonni argaman nutti himeera" jedhe; garuu waan akka inni mootii taʼu Saamuʼeel itti hime sana obboleessa abbaa isaatti hin himne.
17 Saamuʼeelis namoota Israaʼel gara Miisphaatti fuula Rabbii Allaah duratti walitti waamee 18 akkana isaaniin jedhe; "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Ani Israaʼelin biyya Gibxiitii baaseera; harka warra Gibxii fi harka mootummoota isaan cunqursaa turan hundaa jalaas isin fureera.’ 19 Isin garuu amma Allaah keessan isa dhiphina keessanii fi rakkina keessan hunda jalaa isin baase sana dhiiftaniirtu. Isin, ‘Waawuu; mootii nu bulchu nuu muudi’ jettaniirtu. Kanaafuu gosa gosaa fi balbala balbala keessaniin fuula Rabbii Allaah duratti of dhiʼeessaa."
20 Yommuu Saamuʼeel gosoota Israaʼel hunda fidettis gosti Biniyaam ni filatame. 21 Ergasiis inni gosa Biniyaam balbala balbalaan fuula duratti dhiʼeessee balballi Maxriit filatame. Dhuma irrattis Saaʼol ilmi Qiish ni filatame. Inni garuu yommuu isa barbaadanitti hin argamne. 22 Kanaaf namoonni, "Namichi dhufee jiraa?" jedhanii ammas Rabbii Allaah gaafatan.
Rabbii Allaahanis, "Eeyyee; garuu inni miʼa keessa dhokatee jira" jedhe.
23 Isaanis fiiganii achii isa fidan. Innis yeroo dhufee isaan gidduu dhaabatetti gatiittii isaatii olitti nama hunda caalaa dheeraa ture. 24 Saamuʼeelis saba sana hundaan, "Namicha Rabbii Allaahan isa filate argituu? Saba hunda keessaa kan akka isaa tokko iyyuu hin jiru" jedhe.
Namoonnis, "Mootichi bara baraan haa jiraatu!" jedhanii iyyan.
25 Saamuʼeelis seera mootummaan sun ittiin bulu namootaaf ibse. Kitaaba keessattis barreessee fuula Rabbii Allaah dura kaaʼe. Ergasii Saamuʼeel namoota hunda gara mana isaaniitti of irraa geggeesse.
26 Saaʼol garuu Gibeʼaatti deebiʼee mana ofii isaatti gale; namoonni jajjaboon Allaahan yaada isaanii kakaases isa wajjin deeman. 27 Garuu namoonni kashlabboonni tokko tokko, "Namni kun akkamitti nu oolchuu dandaʼa?" jedhan. Isas ni tuffatan. Kennaa tokko illees hin fidneef. Saaʼol garuu ni calʼise.