1 Yeroo sana Filisxeemonni lolaaf humna isaanii walitti qabatanii Yihuudaa keessatti Sookootitti wal gaʼan. Isaanis Sakootii fi Azeeqaa gidduu Efes Damiim keessa qubatan. 2 Saaʼolii fi namoonni Israaʼel immoo wal gaʼanii Sulula Elaa keessa qubatan; Filisxeemota waraanuufis hiriiran. 3 Filisxeemonni gaara tokko qabatan; Israaʼeloonni immoo tulluu kaan qabatan; gidduu isaanii immoo sululatu ture.
4 Namichi beekamaan Gaatii dhufe kan maqaan isaa Gooliyaad jedhamu tokko qubata Filisxeemotaa keessaa gad baʼe. Hojjaan isaas dhundhuma jaʼaa fi taakkuu tokko ture. 5 Innis gonfoo naasii mataatti kaaʼatee qomee naasii kan saqilii kuma shan ulfaatu uffata ture; 6 miilla isaattis gambaallee naasii hidhatee gatiittii isaatti eeboo baadhata ture. 7 Somaan eeboo isaa furdaa akka muka wayya dhooftuun wayyaa itti martuu ture; sibiilli eeboo isaas saqilii dhibba jaʼa ulfaata ture. Baattuun gaachana isaas fuula isaa dura deema ture.
8 Gooliyaadis loltoota Israaʼel kanneen waraanaaf hiriiranitti iyyee akkana jedhe; "Isin waraanaaf hiriirtanii baʼuun keessan maaliif? Ani nama Filisxeem, isin immoo tajaajiltoota Saaʼol mitii? Ofii keessanii nama tokko filadhaatii inni gara kootti gad haa buʼu. 9 Yoo inni na lolee na ajjeesuu dandaʼe, nu isin jalatti bulla; yoo ani isa moʼadhee isa ajjeese garuu isin nu jalatti bultanii tajaajiltoota keenya taatu." 10 Filisxeemichis, "Ani harʼa Israaʼeliin nan morkadha! Akka wal lolluuf nama tokko naa kennaa" jedhe. 11 Saaʼolii fi Israaʼeloonni hundi yommuu dubbii kana dhagaʼanitti akka malee raafaman; ni sodaatanis.
12 Daawud ilma Isseeyi namicha Efraataa kan Beetlihem Yihuudaa sanaa ti. Isseeyis ilmaan saddeeti qaba ture; innis bara Saaʼol keessa nama dulloomee jaare ture. 13 Ilmaan Isseey hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii lafa waraanaa dhaqanii turan; maqaan isaaniis inni hangafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abiinaadaab, inni sadaffaan immoo Shamaa jedhama ture. 14 Daawud quxisuu hunda isaanii ture. Isaan hangafoonni sadan Saaʼolin duukaa buʼanii deeman; 15 Daawud garuu hoolota abbaa isaa tiksuuf jedhee Saaʼol biraa Beetlihemitti deddeebiʼaa ture.
16 Namichi Filisxeem sunis guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala dhufee isaanitti of mulʼisa ture.
17 Isseey immoo ilma isaa Daawudiin akkana jedhe; "Akaayii kana irraa iifii tokkoo fi buddeena kurnan kana fuudhiitii ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo qubata isaaniitti geessi. 18 Baaduu kurnan kana immoo ajajaa kumaa isaaniitiif geessi. Haala obboloonni kee keessa jiran ilaaliitii oduu isaanii fidii kottu. 19 Isaan Saaʼolii fi namoota Israaʼel wajjin Sulula Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru."
20 Daawudis tiksee biratti bushaayee dhiisee ganama barii kaʼee nyaata sana qabatee akkuma Isseey isa ajajetti kaʼee qajeele. Innis utuu loltoonni dhaadachaa hiriiraan adda waraanaatti yaaʼaa jiranuu lafa qubataa gaʼe. 21 Israaʼelii fi Filisxeemonni tarree tarreedhaan fuula walitti garagalfatan. 22 Daawudis miʼa isaa eegduu miʼaa biratti dhiisee gara adda waraanaatti fiigee obboloota isaa nagaa gaafate. 23 Utuma inni isaan wajjin haasaʼaa jiruu, Gooliyaad jagnichi Filisxeem namichi Gaati sun hiriira Filisxeemotaa keessaa dubbiidhuma kanaan dura dubbachaa ture sana dubbate; Daawudis isa dhagaʼe. 24 Israaʼeloonni hundinuu yommuu namicha arganitti sodaa guddaadhaan isa biraa baqatan.
25 Israaʼeloonnis, "Isin akka namichi kun as deddeebiʼaa jiru argituu? Inni dhugumaan Israaʼeliin morkachuuf dhufe. Mootiin nama isa ajjeesuuf qabeenya guddaa kenna. Intala isaa illee itti heerumsiisa; maatii abbaa isaas akka Israaʼel keessatti gibira hin gabbarre godha" waliin jechaa turan.
26 Daawud namoota isa bira dhadhaabachaa turaniin, "Nama namicha Filisxeem kana ajjeesee Israaʼel irraa salphina kana fuudhuuf maaltu godhama? Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun akka loltoota Allaah jiraataa doorsisuuf inni eenyuu?" jedhee gaafate.
27 Namoonnis, "Wanni nama isa ajjeesuuf godhamu kanuma" jedhanii dubbiidhuma duraan dubbachaa turan sana irra deebiʼanii itti himan.
28 Eliiyaab hangafni Daawud inni jalqabaa Daawud namoota wajjin dubbachaa akka jiru yommuu argetti aaree gubatee akkana jedhe; "Ati maal gochuu as gad buute? Hoolota muraasa sana gammoojjii keessatti eenyutti dhiiftee dhufte? Ani of tuulummaa keetii fi hammina garaa keetii nan beeka; ati waraana ilaaluu dhufteetii."
29 Daawud immoo, "Ani amma maalin godhe? Ani dubbachuu illee hin dandaʼuu?" jedhe. 30 Ergasiis gara nama biraatti garagalee waanuma duraa sana gaafate; namoonnis akkuma jalqabaatti deebisaniif. 31 Wanni Daawud jechaa tures dhagaʼamee Saaʼol qaqqabe; Saaʼolis isa waamsise.
32 Daawudis Saaʼoliin, "Sababii namicha Filisxeem kanaatiif namni tokko iyyuu abdii hin kutatin; ani garbichi kee dhaqee isa nan waraana" jedhe.
33 Saaʼolis Daawudiin, "Ati dhaqxee Filisxeemicha kana waraanuu hin dandeessu; ati ijoollee dha; inni immoo ijoollummaa isaatii jalqabee loltuu ture" jedhe.
34 Daawud garuu Saaʼoliin akkana jedhe; "Garbichi kee hoolota abbaa isaa tiksaa ture. Yeroo leenci yookaan amaakenni dhufee bushaayee keessaa tokko fudhatutti, 35 ani isa faana fiigee dhaʼee hoolaa sana afaan isaatii nan buusisan ture. Yoo inni natti gara gale immoo kokkee isaa qabee dhaʼee isa ajjeesa ture. 36 Ani garbichi kee leencaa fi amaaketa ajjeeseera; Filisxeemichi dhagna hin qabatin kunis akkuma tokkoo isaanii taʼa; inni loltoota Allaah jiraataa doorsiseeraatii. 37 Rabbii Allaahan inni irree leencaatii fi irree amaaketaa jalaa na baase sun harka Filisxeemicha kanaa jalaas na baasa."
Saaʼolis Daawudiin, "Dhaqi, Rabbii Allaahan si wajjin haa taʼu" jedhe.
38 Ergasiis Saaʼol uffata lolaa kan ofii isaa Daawuditti uffise. Qomee sibiilaa itti uffisee gonfoo naasii mataa isaatti kaaʼeef. 39 Daawudis sababii duraan itti fayyadamee hin beekneef uffata Saaʼol irratti goraadee hidhatee asii fi achi deemuu yaale.
Innis Saaʼoliin, "Ani waanan duraan itti fayyadamee hin beekneef hidhadhee deemuu hin dandaʼu" jedhe. Kanaafuu of irraa baase. 40 Ergasii ulee isaa harkatti qabatee dhagaa soofamaa shan lagaa filatee kiisii korojoo tikseetti naqate; furrisa isaas harkatti qabatee gara Filisxeemichaatti dhiʼaate.
41 Namichi Filisxeem sunis namicha miʼa lolaa isaaf baatu of dura qajeelchee Daawuditti dhiʼaate. 42 Innis Daawudin ilaalee akka inni mucaa diimaa miidhagaa taʼe hubatee isa tuffate. 43 Filisxeemichis, "Kan ati ulee qabattee natti dhuftu ani sareedhaa?" jedhee waaqeffatamtoota ofii isaatiin Daawudin abaare. 44 Akkasumas, "As kottu; ani foon kee allaattii shamaayʼuniitii fi bineensota bosonaatiif nan kennaa!" jedheen.
45 Kana irratti Daawud Filisxeemichaan akkana jedhe; "Ati kunoo goraadee, eeboo fi bodee qabatee natti dhufta; ani garuu maqaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu, Allaah loltoota Israaʼel kan ati doorsifte sanaatiin sittin dhufa. 46 Harʼa Rabbii Allaahan dabarsee harka kootti si kenna; anis si ajjeesee mataa kee sirraan kuta. Ani harʼa reeffa Filisxeemotaa allaattii shamaayʼuniitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; addunyaan hundis akka Israaʼel keessa Allaahan jiru ni beeka. 47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi akka Rabbii Allaahan goraadee fi eeboodhaan nama hin baafne ni baru; sababii lolli kun kan Rabbii Allaah taʼeef inni dabarsee harka keenyatti isin kenna."
48 Yommuu Filisxeemichi isa dhaʼuuf dhufettis Daawud isa loluuf fiigee adda waraanaa seene. 49 Harka isaas korojoo isaa keessa kaaʼee dhagaa tokko fudhatee furrisaan darbatee adda Filisxeemichaa dhaʼe. Dhagaan sunis adda isaa keessa bade; Filisxeemichis addaan lafatti gombifame.
50 Daawud akkasiin furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha moʼate; Daawud utuma goraadee of harkaa hin qabaatin Filisxeemicha dhaʼee ajjeese.
51 Daawud fiigee Filisxeemicha irra ejjete. Goraadee Filisxeemichaas manʼee keessaa luqqisee baafate. Erga isa ajjeesee booddees goraadee sanaan mataa isaa irraa kute.
Filisxeemonni yommuu akka goonni isaanii duʼe arganitti of irra garagalanii baqatan. 52 Ergasii namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihuudaa kaʼanii dhaadachaa hamma balbala Gaatii fi karra Eqroonitti Filisxeemota ariʼan. Reeffi Filisxeemotaas karaa Shaʼarayiimitti geessu irratti hamma Gaatii fi Eqroonitti harcaʼe. 53 Israaʼeloonni yommuu Filisxeemota ariʼuu irraa deebiʼanitti qubata isaanii saaman.
54 Daawudis mataa Filisxeemichaa fudhatee gara Yerusaalemitti fide; miʼa lolaa Filisxeemichaas dunkaana ofii isaatti galfate.
55 Saaʼol yommuu akka Daawud Filisxeemicha loluuf deemu argetti, Abneer ajajaa waraana Israaʼeliin, "Abneer, gurbaan kun ilma eenyuu ti?" jedhe.
Abneeris, "Yaa Mootii, duʼa kee ti ani hin beeku" jedhee deebise.
56 Mootichis, "Egaa akka gurbaan kun ilma eenyuu taʼe iyyaafadhuuttii bira gaʼi" jedheen.
57 Akkuma Daawud Filisxeemicha ajjeesee deebiʼeen, Abneer Daawudii mataa Filisxeemichaa harkatti qabatee jiru fuula Saaʼol duratti dhiʼeesse.
58 Saaʼolis, "Gurbayyoo ati ilma eenyuu ti?" jedhee gaafate.
Daawud immoo, "Ani ilma garbicha keetii ilma Isseeyi namicha Beetlihem sanaa ti" jedhee deebise.