Publicidade

Joel 2

Raayyaa Hawwaanisaa

1 Xiyoon keessatti malakata afuufaa;

gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa.

Guyyaan Rabbii Allaah dhufaa jiraatii;

warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan.

Guyyaan sun dhiʼaateera;

2 guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa,

guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa.

Sabni guddaa fi jabaan tokko

akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa;

wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku

yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.

3 Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa;

dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa.

Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata;

dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti;

wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.

4 Isaan bifa fardeenii qabu;

akkuma fardeen lolaas ni gulufu.

5 Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin

fiixee tulluu irra utaalu;

akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu,

akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.

6 Saboonni jara arginii dhiphatu;

fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.

7 Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu;

akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu.

Hundi isaanii tarree galanii deemu;

isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.

8 Isaan wal hin dhiiban;

hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu.

Utuu toora isaanii hin dhiisin

ittisa cabsanii seenu.

9 Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu;

dallaa irra fiigu.

Isaan mana yaabbatu;

akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.

10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti;

shamaayʼuniin ni raafama;

aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu;

urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.

11 Rabbii Allaahan fuula loltoota isaa duratti

sagalee dhageessisa;

loltoonni isaa akka malee baayʼee dha;

warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha.

Guyyaan Rabbii Allaah sun guddaa dha;

guyyaan sun akka malee nama sodaachisa.

Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?

Cubbuu Irraa Deebiʼaa

12 "Amma iyyuu garaa guutuudhaan,

soomaan, booʼichaa fi gaddaan

gara kootti deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan.

13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin

garaa keessan tarsaasaa.

Gara Rabbii Allaah keessaniitti deebiʼaa;

inni arjaa fi gara laafessaatii;

inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;

inni badiisa erguu irraa of qusata.

14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee

eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii

kan Rabbii Allaah keessaniif taʼu

isiniif hambisa taʼa.

15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa;

sooma qulqulluu labsaa;

waldaa qulqulluu waamaa.

16 Saba walitti qabaa;

waldaa sana qulqulleessaa;

maanguddoota walitti fidaa;

ijoollee walitti qabaa;

daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa.

Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu;

misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.

17 Luboonni fuula Rabbii Allaah dura tajaajilan

gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan.

Isaan akkana haa jedhan; "Rabbii Allaah saba kee baraari.

Handhuuraa kee waan qoosaa,

saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin.

Isaan maaliif namoota gidduutti,

‘Allaahan isaanii eessa jira?’ jedhu?"

Deebii Rabbii Allaahan Kenne

18 Rabbii Allaahan biyya isaatiif ni hinaafa;

saba isaatiifis garaa laafa.

19 Rabbii Allaahan akkana jedhee deebii kennaaf:

"Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa

kan isin quubsu isiniif nan erga;

ani lammata saboota gidduutti

waan qoosaa isin hin godhu.

20 "Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee

gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa;

loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu,

kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo galaana gama lixa biiftuu seenu.

Reeffi isaanii ni xiraaʼa;

xiraan isaaniis ol baʼa."

Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!

21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;

gammadiitii ililchi.

Rabbii Allaahan dhugumaan waan guddaa hojjeteera!

22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa;

dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii.

Mukkeen ija naqachaa,

harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.

23 Yaa uummata Xiyoon gammadi;

Rabbii Allaah keetti gammadi;

inni qajeelummaadhaan

rooba arfaasaa siif kenneeraatii.

Inni akkuma durii bokkaa baayʼee,

rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.

24 Oobdiin midhaaniin guutama;

boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.

25 "Ani waan bara hawwaannisni nyaate,

waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate,

waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa

jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun yaatan iddoo isiniif nan buusa.

26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu;

maqaa Rabbii Allaah keessanii

kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu;

uummanni koo lammata hin qaaneffamu.

27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru

akka ani Rabbii Allaah keessan taʼe,

akka ana malee Allaahan biraa hin jirre ni beektu;

uummanni koo lammata hin qaaneffamu.

Guyyaa Rabbii Allaah

28 "Anis kana booddee,

Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.

Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;

jaarsoliin keessan abjuu abjootu;

dargaggoonni keessan mulʼata argu.

29 Bara sana keessa, garboota koo

warra dhiiraa fi dubartii irratti illee

Hafuura koo nan dhangalaasa.

30 Ani ol shamaayʼun irratti dinqii,

gad lafa irrattis dhiiga,

ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.

31 Utuu guyyaan Rabbii Allaah inni guddichii fi

sodaachisaan sun hin dhufin dura,

aduun dukkanatti geeddaramti;

jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.

32 Namni maqaa Rabbii Allaah waammatu

hundinuu ni fayya;

akkuma Rabbii Allaahan dubbatettis

Tulluu Xiyoon irraa fi

Yerusaalem keessa, furamatu jiraata;

hambaa gidduuttis warri Rabbii Allaahan

isaan waame ni argamu.

Veja também

Publicidade
Joel
Ver todos os capítulos de Joel
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-