1 Dubbii Rabbii Allaah kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
2 Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;
warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.
Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa
yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
3 Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;
ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;
ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
4 Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,
hawwaannisni guddaan fixe;
waan hawwaannisni guddaan dhiise,
hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;
waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo
hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
5 Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!
Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa;
sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa;
inni afaan keessan irraa butameeraatii.
6 Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko
biyya koo weerareera;
inni ilkaan leencaa,
qarriffaa leenca dhalaa qaba.
7 Inni muka wayinii koo onsee
harbuu koos barbadeesseera.
Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee
dameelee isaanii duwwaa hambise.
8 Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee
dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
9 Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Rabbii Allaah irraa citaniiru.
Luboonni fuula Rabbii Allaah dura tajaajilan
booʼaa jiru.
10 Lafti qotiisaa oneera;
laftis gogeera;
midhaan barbadaaʼeera;
daadhiin wayinii haaraan dhumeera;
zayitiinis dhabameera.
11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;
warri wayinii dhaabbattan booʼaa;
sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii
barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12 Wayiniin gogeera;
harbuunis coollageera;
roomaaniin, meexxii fi hudhaan,
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa
irraa badeera.
13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;
isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.
Isin warri fuula Allaah koo dura tajaajiltan
kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;
kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Allaaha irraa hambifamaniiruutii.
14 Sooma qulqulluu labsaa;
waldaa qulqulluu waamaa.
Maanguddootaa fi
warra biyyattii keessa jiraatan hunda
gara mana Rabbii Allaah, Allaah keessaniitti waamaatii
Rabbii Allaahatti booʼaa.
15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.
Guyyaan Rabbii Allaah gaʼeeraatii;
inni akkuma badiisaatti Allaah Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
16 Ijuma keenya duratti
nyaanni cite;
ilillee fi gammachuunis
mana Allaah keenyaa irraa hin cinnee?
17 Sanyiin lafa keessatti
tortoree hafe.
Mankuusni diigameera;
gombisaan caccabeera;
midhaan gogee hafeeraatii.
18 Loon akkam marʼatu!
Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef
asii fi achi joora;
bushaayeenis dhiphataniiru.
19 Rabbii Allaah ani sin waammadha;
ibiddi lafa dheedaa barbadeessee
arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;
lagni bishaanii gogeera;
ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.