Publicidade

Oséias 14

Eebba Argachuudhaaf Qalbii Jijjiirrachuu

1 Yaa Israaʼel, gara Rabbii Allaah keetiitti deebiʼi.

Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!

2 Dubbicha fudhadhuutii

gara Rabbii Allaah deebiʼi.

Akkanas jedhiin:

"Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi;

akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf,

arjummaadhaan nu simadhu.

3 Asoor nu oolchuu hin dandaʼu;

nu fardeen lolaa hin yaabbannu.

Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen,

‘Waaqeffatamtoota keenya’ hin jennu;

daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii."

4 "Ani gantummaa isaanii nan fayyisa,

toluman isaan jaalladha;

aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.

5 Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa;

inni akkuma daraaraa ni daraara.

Inni akkuma gaattiraa Libaanoon

hidda isaa gad fageeffata;

6 dameen isaa ni guddata.

Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa;

urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.

7 Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu.

Inni akkuma midhaanii lalisa.

Akkuma muka wayinii dagaaga;

maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.

8 Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqeffatamtoota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba?

Kan deebii siif kennee si eegu anuma.

Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti;

amanamummaan kee ana irraa dhufa."

9 Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka.

Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata.

Karaan Rabbii Allaah qajeelaa dha;

namni qajeelaan isa irra deema;

finciltoonni garuu isa irratti gufatu.

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-