Publicidade

Oséias 9

Adabbii Israaʼelitti Dhufu

1 Yaa Israaʼel hin ililchin;

akka saboota kaanii hin gammadin.

Ati Allaah keetiif amanamaa hin turreetii;

ati oobdii hunda irratti gatii

sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.

2 Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran;

daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.

3 Isaan biyya Rabbii Allaah keessatti hin hafan;

Efreem gara Gibxitti deebiʼee

Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.

4 Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Rabbii Allaahaf hin dhibaafatan;

yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu.

Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa;

namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa.

Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa;

mana qulqullummaa Rabbii Allaahas ol hin seenu.

5 Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti,

guyyoota ayyaana Rabbii Allaah sanatti maal hojjetu?

6 Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu

Gibxi walitti isaan qabdi;

Memfiis immoo isaan qabbara.

Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama;

dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.

7 Guyyoonni adabbii dhufaa jiru;

guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru.

Israaʼel waan kana haa beeku.

Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee

hamminni kees akka malee guddaa taʼeef,

nabiiʼiyyiin akka raatuutti ilaalame;

namni Hafuura Allaahatiin qajeelfamu immoo akka maraatuutti hedame.

8 Nabiiʼiyyichi Allaah koo wajjin

eegduu Efreem taʼe;

taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata;

mana Allaah isaa keessattis jibbi isa eeggata.

9 Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana

xuraaʼummaa keessa dhidhiman.

Allaahan hammina isaanii yaadatee

sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.

10 "Yeroo ani Israaʼelin argetti,

inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture;

yeroo ani abbootii keessan argetti,

isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan.

Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti,

waaqeffatamaa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii

akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.

11 Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada;

dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.

12 Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu

ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa.

Gaafa ani isaan irraa garagalu

isaaniif wayyoo!

13 Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos

lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge.

Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee

warra gogorraʼutti kenna."

14 Rabbii Allaah isaaniif kenni;

ati maal isaaniif kennita?

Gadameessa ulfa hin baannee fi

harma goggogaa kenniif.

15 "Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif,

ani achitti isaan nan jibbe.

Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif

ani mana koo keessaa isaan ariʼa.

Ani siʼachi isaan hin jaalladhu;

bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.

16 Efreem rukutameera;

hiddi isaanii goggogeera;

isaan ija tokko illee hin godhatan.

Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu

ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala."

17 Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif,

Allaahan koo isaan dida;

isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-