1 Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Namni biraa ishee jaallatee isheen sagaagaltuu taatu iyyuu, ati dhaqiitii ammas niitii keetti jaalala kee argisiisi. Akkuma Rabbii Allaah utuma isaan waaqeffatamtoota biraatti deebiʼanii bixxillee wayinii jaallatanuu Israaʼeloota jaallate sana atis ishee jaalladhu."
2 Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe. 3 Ani ergasii akkana nan jedheen; "Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha."
4 Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqeffatamtoota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii. 5 Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Rabbii Allaah isaaniitii fi Daawud mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Rabbii Allaahatii fi gara eebba isaa ni dhufu.