Publicidade

Oséias 13

Rabbii Allaahan Israaʼelitti Dheekkame

1 Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan;

inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture.

Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.

2 Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu;

meetii ofii isaaniitiin waaqeffatamaa tolfamaa tolfatu;

fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii

harka ogeeyyiitiin hojjetaman.

Waaʼee saba kanaas,

"Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu;

waaqeffatamaa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!" jedhame.

3 Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa,

akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii

oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu

akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.

4 "Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee

Rabbii Allaah kee ti.

Ati ana malee Allaah tokko illee beekuu hin qabdu;

ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.

5 Ani gammoojjii keessatti,

biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.

6 Yeroo ani isaan sooretti ni quufan;

isaan yeroo quufanitti of tuulan;

ergasii immoo na irraanfatan.

7 Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa;

akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.

8 Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti

isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa.

Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha;

bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.

9 "Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee

mormiteef ati baddeerta.

10 Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira?

Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa

kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’

jettee kadhatte sun eessa jiru?

11 Ani aarii kootiin mootii siifan kenne;

dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.

12 Balleessaan Efreem walitti kuufamee

cubbuun isaas galmeeffameera.

13 Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa;

inni garuu daaʼima wallaalaa dha;

inni yommuu yeroon gaʼutti,

gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.

14 "Ani saba kana humna qabrii jalaa nan baraara;

duʼa jalaa isaan nan baasa.

Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre?

Yaa qabrii, balleessuun kee meerre?

"Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu;

15 Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu,

bubbeen baʼaa Rabbii Allaah biraa ni dhufa;

lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa;

burqaan isaa bishaan dhaba;

boolli bishaan isaas ni goga.

Mankuusni isaa,

qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.

16 Sabni Samaariyaa waan Allaah isaatti fincileef

gatii balleessaa isaa ni argata.

Isaan goraadeedhaan dhumu;

daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu;

dubartoonni isaanii kanneen ulfa qabanis ni baqaqfamu."

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-