Publicidade

Oséias 5

Murtii Israaʼelitti Murteeffame

1 "Isin luboonni waan kana dhagaʼaa!

Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa!

Yaa mana mootii dhaggeeffadhu!

Murtiin kun isinitti murama:

Isin Miisphaatti kiyyoo,

Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.

2 Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru.

Ani isaan hunda nan adaba.

3 Ani waaʼee Efreem hunda beeka;

Israaʼelis na duraa hin dhokattu.

Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta;

Israaʼelis xuraaʼeera.

4 "Hojiin isaanii akka isaan gara Allaah isaaniitti

deebiʼan hin eeyyamuuf.

Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira;

isaan Rabbii Allaah hin beekan.

5 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa;

Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu;

Yihuudaanis isaan wajjin gufata.

6 Isaan yommuu Rabbii Allaah barbaaduudhaaf

bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti,

isa hin argatan;

inni isaan dhiisee deemeeraatii.

7 Isaan Rabbii Allaahaf amanamoo miti;

seeraan ala ijoollee godhatu.

Yeroo isaa Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti

inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.

8 "Gibeʼaa keessatti malakata,

Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa.

Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa;

yaa Biniyaam, ati dura qajeeli.

9 Guyyaa ifannaatti

Efreem ni ona.

Ani gosoota Israaʼel gidduutti

waan mirkanaaʼe nan labsa.

10 Bulchitoonni Yihuudaa

akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti.

Ani akkuma lolaa bishaanii

dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.

11 Efreem sababii waaqeffatamtoota tolfamoo

duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee

murtiidhaan lafatti dhidhiitame.

12 Ani Efreemitti akka bilii,

Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.

13 "Yommuu Efreem dhukkuba isaa,

Yihuudaanis madaa isaa argetti,

Efreem gara Asooritti garagalee

mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge.

Inni garuu isin fayyisuu,

madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.

14 Ani Efreemitti akkuma leencaa

Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa.

Ani gargar isaan ciccireen biraa deema;

ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.

15 Ergasii ani hamma isaan

balleessaa isaanii fudhatanitti

iddoo kootti nan deebiʼa.

Isaan fuula koo barbaaddatu;

rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu."

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-