1 Efreem bubbee nyaata;
inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;
sobaa fi gooliis ni baayʼisa.
Inni Asoor wajjin walii galtee godhatee
biyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.
2 Rabbii Allaahan waan Yihuudaa himatu qaba;
inni akkuma amala isaatti Yaaʼikuubin adaba;
akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.
3 Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;
erga guddatee immoo Allaah wajjin walʼaansoo qabe.
4 Inni malaʼikkaa Allaaha wajjin walʼaansoo qabee moʼate;
booʼees surraa kadhate.
Inni Beetʼeelitti isa argatee
achitti isa wajjin haasaʼe.
5 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu,
maqaan isaa Rabbii Allaah!
6 Ati garuu Allaah keetti deebiʼi;
jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessii
yeroo hunda Allaah kee eeggadhu.
7 Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabu
nama gowwoomsuu jaallata.
8 Efreem akkana jedhee boona;
"Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.
Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuu
balleessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan."
9 "Ani Rabbii Allaah kee
kan biyya Gibxii si baasee dha;
ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaatti
deebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.
10 Ani nabiiʼiyyootatti dubbadhee
mulʼata hedduu kenneefii
karaa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe."
11 Giliʼaad hamaadhaa?
Sabni ishee faayidaa hin qabu!
Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?
Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaa
kan qotame irra jiruu ni taʼa.
12 Yaaʼikuub gara Sooriyaatti baqate;
Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;
gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.
13 Rabbii Allaahan biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame;
inni karuma nabiiʼiyyii sanaatiin isa kunuunse.
14 Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;
Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa;
arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.