Publicidade

Oséias 7

1 yeroo ani Israaʼelin fayyisutti

cubbuun Efreem saaxilamee

yakki Samaariyaas ifatti baafama.

Isaan nama gowwoomsu;

hattuun cabsitee mana seenti;

saamtonni daandii irratti nama saamu;

2 isaan garuu akka ani jalʼina isaanii hunda

yaadadhu hin hubatan.

Cubbuun isaanii isaan marseera;

yeroo hundas fuula koo dura jira.

3 "Isaan hammina isaaniitiin mootii,

soba isaaniitiin immoo ilmaan mootii gammachiisu.

4 Isaan hundinuu ejjitoota,

akkuma badaa ibiddaa

kan tolchituun tokko yeroo bukoo sukkuumanii jalqabee

hamma inni bukaaʼutti itti tuttuquu hin barbaannee ti.

5 Guyyaa ayyaana mootii keenyaatti

ilmaan moototaa daadhii wayiniitiin finiinan;

innis qoostota wajjin harka isaa diriirsa.

6 Akkuma badaa ibiddaatti garaa isaanii qopheessaniiru;

isaan dabaan gara isaatti dhiʼaatu.

Aariin isaanii halkan guutuu irraa hin galu;

ganama immoo akkuma arraba ibiddaa balaliʼa.

7 Hundi isaanii akkuma badaa ibiddaa hoʼu;

bulchitoota isaaniis ni fixu.

Mootonni isaanii hundinuu ni dhumu;

tokkoon isaanii iyyuu na hin waammatan.

8 "Efreem sabootaan walitti makama;

Efreem maxinoo gara hin galfaminii dha.

9 Namoonni ormaa humna isaa nyaatan;

inni garuu hin hubatu.

Arriin isatti baʼe;

inni garuu hin beeku.

10 Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isatti baʼa;

inni garuu utuu wanni kun hundi akkana taʼee jiruu,

gara Rabbii Allaah isaatti hin deebiʼu

yookaan isa hin barbaaddatu.

11 "Efreem akkuma gugee

gowwaa sammuu hin qabnee ti;

isaan Gibxin waammatu;

isaan gara Asooritti deebiʼu.

12 Yommuu isaan deeman ani kiyyoo koo isaan irra nan buusa;

ani akkuma simbirroo shamaayʼun gad isaan nan harkisa.

Ani yommuun akka isaan walii wajjin yaaʼan dhagaʼutti,

isaan nan qaba.

13 Waan narraa goraniif

isaaniif wayyoo!

Waan natti fincilaniif

badiisni isaaniif mala!

Ani isaan furuu nan barbaada;

isaan garuu waaʼee koo soba dubbatu.

14 Isaan garaa isaanii guutuudhaan gara kootti hin iyyatan;

garuu siree isaanii irra tataaʼanii booʼu.

Isaan midhaanii fi daadhii wayiniitiif walitti qabamu;

garuu natti fincilu.

15 Ani leenjiseen irree isaanii jajjabeesse;

isaan garuu waan hamaa natti yaadu.

16 Isaan gara Allaah Waan Hundaa Oliitti hin deebiʼan;

isaan akkuma xiyya jalʼatee ti.

Hooggantoonni isaanii sababii soba dubbataniif

goraadeedhaan dhumu.

Sababii kanaaf isaan biyya Gibxitti

ni tuffatamu.

Veja também

Publicidade
Oséias
Ver todos os capítulos de Oséias
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-